AMN Qophii ‘Agalgaayi’n tajaajilaafi tajaajilamaa walitti fiduun komii hawaasa magaalaa Finfinnee dhibbeentaa 89 fure – Dr. Jamaaluu Jambar

You are currently viewing AMN Qophii ‘Agalgaayi’n tajaajilaafi tajaajilamaa walitti fiduun komii hawaasa magaalaa Finfinnee dhibbeentaa 89 fure – Dr. Jamaaluu Jambar

AMN PLUS -Waxabajjii 19/2018

Sagantaan hawwataa ‘Agalgaay’ yeroo mara Kamisa galgala sa’atii 2:00 irraa eegalee dhiyaatuufi waltahiinsa Biiroo Paabliki Sarvisiifi AMN Sagalee Dhalootaan dhiyaatu komii hawaasa magaalichaa kallattii garaagaraan ka’u 89% furuu danda’uu Sadarkaa Kantiibaa Itti Aanaatti Hogganaan Biiroo Paablik Sarvisiifi Misooma Qabeenya Humna Namaa Jamaaluu Jambar (PhD) ibsan.

Mana Maree Magaalaa Finfinneetti Koreen Dhaabbii Dhimmoota Haqaafi Bulchiinsa Gaarii gabaasa raawwii karoora hojii qaamolee raawwachiiftootaa kan bara baajataa 2018 kan dhaggeeffate yoo tahuu dhaabbileen hojii mootummaa garaagaraas raawwii karoora isaanii dhiyeessaniiru.

Qorannoo gaggeeffamerratti raawwii hojii bara baajataa 2018 fi karoora hojiilee gara fuulduraa korichaaf kan dhiyeessan Dooktar Jamaaluu Jambar bara baajatichaatti hojjettootaaf haala mijataa uumuun walqabatee hojii hojjetameen dhibbeentaa 63 kan ture gara dhibbeentaa 70’tti ol-guddisuun danda’amu kaasaniiru.

Akkasumas hojii giddu gala tajaajila iddoo tokkoo A-Masoob babal’isuu hojjetameen giddu galeessaan kenniinsa tajaajilaa mirkaneessuu 76%’n gahuun akka danda’ame ibsaniiru.

Dooktar Jamaaluun keessattuu sagantaa Teleeveezyinii waltahiinsa Biiroo Paablik Sarvisiifi AMN Sagalee Dhalootaan dhiyaatu ‘Sagantaa Agalgaayiin’ komiin hawaasa magaalattiin ka’uu dhibbeentaan 89 hiikameera jedhaniiru.

Hogganaan Biiroo Komunikeeshinii Finfinnee Obbo Haftaay G/Igzaahaber gama isaaniitiin AMN bara baajatichaatti sochiilee garaagaraa hojii bulchiinsa gaarii filmaatilee miidiyaa qabu hundaan hawaasaaf dhiyeessurra kan darbee jijjiirama roga maraa Finfinnee bifa sanadaan dhaloota dhufuuf olka’aa jiraachuus ibsaniiru.

Sagantaaleen akka ‘Waarkaa’ AMN Sagalee Dhalootaan tamsa’uu hoggansaafi tajaajilamaa fuulaa fuulatti walitti fiduun rakkoo bulchiinsa gaarii osoo oolee hin buliin hiikuu keessatti shoora olaanaa taphachuus Obbo Haftaay kaasaniiru.

Hoji Raawwachiisaan Olaanaa AMN Obbo Solomoon Dibaabaa waltajjicharratti raawwii hojii ijoo bara baajataa 2018 keessa dhaabbatichi toora qabsiise kan dhiyeessan yoo tahuu dorgomtummaarraa gara filatamummaatti ce’aa jiraachuuf agarsiiftuwwan gama qulqullinaafi saffisaan qabatamaan jiraachuu kaasuun tajaajila akkasii AMN kennuu argachuuf dhaabbileen 30 ol waliigaltee waloon hojjechuu dhaabbaticha waliin mallatteessuu isaaniiru.

Madda odeeffannoo amanamaa tahuun tajaajilaa jiraachuus kan kaasan Obbo Solomoon taateewwan biyyaalessaafi idil addunyaa gabaasuurra darbee AMN tamsaasa kallattiin muuxannoo bara dheeraa qabuun saffisaafi qulqullinaan hordoftoota bira gahaa akka jirus hubachiisaniiru.

AMN ayyaanotni amantaafi addabaabayii qabiyyees tahe ergaa isaanii guutuu waliin filmaatilee garaagaraa qabuun gama tamsaasuunis gahee leencaa taphachuu gabaasa raawwii hojii dhiyeessan keessatti Obbo Solomoon kaasaniiru.

Haaluma walfakkaatuun Biiroon Haqaa Magaalaa Finfinnee akkasumas Abbaan Taayitaa Kabachiisa Dambii Magaalichaa Mana Maree Magaalaa Finfinneetti Koree Dhaabbii Dhimmoota Haqaafi Bulchiinsa Gaariif gabaasa raawwii karoora hojii bara baajataa 2018 keessa hojjechaa turan dhiyeessuun irratti mari’atamuun ibsameera.

Gabaasni kan Iddoosaa Abdiiti

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply