AMN PLUS -Waxabajjii 19/2018
Waltajjiin marii Hilii Gamtaa Emireetota Arabaafi Afrikaa Finfinneetti keessummeessaa jira.
Waltajjichi mata duree “Egeree Waloo Keenyaa Yaa Jabeeffannu” jedhuun Finfinnee Hoteela Sharaatanitti gaggeeffamaa jira.
Waltajjiin Marii kun walta’insa Inistitiyuutii Dhimma Alaa Itoophiyaafi Akkadaamii Dippiloomaasii Anuwaar Garagaashiin kan qophaa’eedha.
Waltajjicharratti haasawaa kan taasisan Daayireektarri Olaanaa Inistitiyuutii Dhimma Alaa Obbo Jaafar Badiruu “walitti dhufeenyi Itoophiyaafi Gamtaa Emireetota Arabaa walitti dhufeenya waltumsaafi waliin guddachuuti” jedhan.

“UAE’n biyyoota galoo galaanaa keessaa walitti dhufeenya daldalaa, invastimantii, qonna, bu’uuraalee misoomaafi egeree digitaalaa Itoophiyaa kessatti adda dureen hirmaataa jirtuudha” jedhaniiru Obbo Jaafar.
Itti dabaluunis, Inistitiyuutiin Dhimma Alaa Itoophiyaas kaayyoo dhaabbateef galmaan ga’uuf waltajjiiwwan akka kanaa qopheessuufi irratti hirmaachuun ni barbaachisaas jedhaniiru.
Mariin itti fufiinsa qabu, qorannoo waliin gaggeessuufi beekumsa waliif qooduun walitti dhufeenyaafi waltumsa dhaabbileefi biyyoota lameenii waaraa taasisuuf baay’ee barbaachisaa ta’uu Obbo Jaafar ibsaniiru.

Itoophiyaatti Ambaasaaddarri Gamtaa Imireetota Arabaa (UAE) Ambaasaaddar Rashaad Abdallaa gama isaaniin biyyi isaanii walitti dhufeenya Afrikaa waliin taasiiftu bu’uuraalee misoomaaf, qonnaaf, annisaa haaromfamaaf, daldalaaf, invastimantiifi tiraanisfoormeeshinii digitaalaaf dursa kennitee hojjatti jedhaniiru.
Walitti dhufeenyi Itoophiyaafi UAE gara sadarkaa hunda galeessafi damdaneessatti ol guddachuu kaasanii misooma waaraafi waliin guddachuu irratti xiyyeeffachuun kan itti fufu ta’aas jedhaniiru.

Waltajjii marii kana irratti waraqaaleen qorannoo walitti dhufeenya gamlamee irratti xiyyeeffatanii dhiyaachuun irratti mari’atamaa jira.
Waltajjii marii kana irratti Anga’oonni mootummaa olaanoo, Ambaasaaddaroonni, Hayyoonni, Qorattoonniifi qaamoleen dhimmi ilaalu biroon hirmaataniiru.
Gabaasni kan Bayyanaa Taaddasaati