Waggaa 65ffaa Ashaaraa Miila Duwwaa: Atileetii Angafaa Kumaalaa Baashaa Waamii Birraatuu

AMN PLUS- Waxabajjii 19/2018

Sagantaan injifannoo Atileetii Kumaalaa Baashaa Waamii Birraatuu waggoota 65 dura biyya Jaappaan, magaalaa Osakaatti miila duwwaatiin fiiguudhaan galmeessisan yaadachuuf qophaa’e Hooteela Haayilee Giraanditti gaggeeffame.

Sagantaa kanarratti Gorsaan Deetaa Ministeera Aadaa fi Ispoortii Obbo Tsaggaayee Maammoo, Itoophiyaatti Itti Aanaan Ambaasaaddara Jaappaan Netisuu Shuntaaroo fi keessummoonni affeeraman argamaniiru.

Ilmi Atileetii Kumalaa Baashaa Waamii Birraatuu kan ta’an Jaagamaa Waamii Birraatuu sagantichi hojii fi gumaacha abbaan isaanii bara 1945 irraa eegalee waggoota 64f atileetiksii Itoophiyaa keessatti taasisaa turaniif beekamtii kennuudha.

Jaagamaan dabalataan akka jedhanitti, Osakaa, Jaappaan keessatti miila duwwaatiin fiiguudhaan, fakkeenya Shaambal Abbabaa Biqilaa hordofuun alaabaa Itoophiyaa sadarkaa addunyaatti akka ol kaafamu taasifame yaadachuuf sagantaan kun qophaa’eera.

Gorsaan Deetaa Ministeera Aadaa fi Ispoortii Obbo Tsaggaayee Maammoo gamasaaniin, Atileet Waamii Birraatuu seenaa atileetiksii Itoophiyaa keessatti hojii guddaa fi dagatamuu hin dandeenye hojjetan jedhaniiru.

Qophiin kunis mootummaa fi Ministeerichi gootota atileetii yaadachuu fi kabajuuf itti gaafatamummaa akka qabu agarsiiseera jedhaniiru.

Gama biraatiin Itoophiyaatti Itti Aanaan Ambaasaaddara Jaappaan Netisuu Shuntaaroo, kabaja waggaa 65ffaa ashaaraa miila duwwaa Atileetii Waamee Birraatuu yaadachuuf argamuu isaaniitti gammaduu isaanii ibsanii, Atileetiin kun jireenya isaanii guutuu atileetiksiif kennuun isaanii baay’ee nama dinqisiisa jedhaniiru.

Dirree fiigicha irratti mootii kan ta’an Kumaalaa Baashaa Waamii Birraatuu bara 1909 A.L.I. dhalatan.

Tagany Bafiqaaduutiin Qindaa’e

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply