AMN PLUS -Waxabajjii 19/2018
Sagantaan Ashaaraa Magariisaa waggoota torba dura kaka’umsa Ministeera Muummee Abiyyi Ahimad (PhD)’n jalqabame Afrikaarra darbee addunyaa hundaaf fakkeenya guddaa ta’eera.
Hanga ammaatti sagantichaan biqiltuun Biliyoona 48 ol dhaabameera. Bara kana immoo biqiltuu Biliyoona 8 dhaabuuf hojiin ifatti eegaleera.
Sagantichi mul’ata biyyoolessaa rakkoo jijjiirama qilleensaa ittisuuf qabame milkeessuu qofa osoo hin taane, dinagdee magariisaa ijaaruuf bu’uura cimaa kaa’aa jira.

Humnaafi qabeenya uummata Itoophiyaatiin kan ijaarame Hidhi Haaromsa Guddicha Itoophiyaa bu’uura misooma humna haaromfamuu danda’uu Afrikaa keessaa isa guddaa ta’ee, humna ibsaa biyyoota naannawaa waliin walqunnamsiisaa jira.
Milkaa’inni Itoophiyaan dameelee humna bishaanii, qilleensaa, aduu fi ji’oo-tarmaalii (geothermal) keessatti galmeessite, walitti hidhamiinsa dinagdee naannawaa cimsuuf bu’aa olaanaa argamsiisaa jira.
Konfaransii “Itoophiyaan Ni Raawwatti” jedhu irratti kan argaman Barreessaan Olaanaan Komishinii Dinagdee Afrikaa Kilaaver Gaateetee yeroo ammaa jijjiirama qabatamaa addunyaarraa Afrikaa dhiibbaan guddaa akka mudatu ibsaniiru.
Haa ta’u malee, Itoophiyaan haala addunyaa jijjiiramaa deemu keessatti guddina dinagdee saffisaa galmeessisaa kan jirtu ta’uu ishee eeranii, kunis hojii mootummaan fooyya’insa dinagdee biyya keessaarratti taasisee fi hoggansa murannoo qabuun humna bayyanachuu argachuu dubbataniiru.

Akkasumas, sagantaan Ashaaraa Magariisaa fi hojiiwwan misoomaa itti fufiinsa qaban maqaa gaarii Itoophiyaa fakkeenyummaan akka kaasu ibsaniiru.
Qondaaltichi dabalataan akka jedhanitti, Afrikaan rakkoolee addunyaatiif furmaata ta’uu akka dandeessu Itoophiyaan hojii isheetiin agarsiisaa jirtii kaasuun geejjiba qulqulluu fayyadamuun Afrikaaf fakkeenya ta’uu dandeesseettis ibsaniiru.
Waltajjiin idil-addunyaa COP32, kan bara 2027 Finfinneetti gaggeeffamu, hojii Itoophiyaan rakkoo jijjiirama qilleensaa ittisuuf, bu’uura humna haaromfamuu danda’uu guddaa ijaaruufi humna ibsaan biyyoota naannawaa walitti hidhuuf taasifte addunyaatti ifatti kan mul’isu ta’uun eegama.

Ministirri Muummee Abiyyi Ahimad wayita sagantaa Ashaaraa Magariisaa bara kanaa ifatti eegalchiisan ergaa dabarsaniin bara kana biqiltuu Biliyoona 8 ol dhaabuuf mootummaan karoorfatee akka jiruufi galma waliigalaa biqiltuu Biliyoona 65 dhaabuufis ciminaan hojjetamaa akka jiru ibsuun isaanii ni yaadatama.
Kana waliin yoo taane salphaatti milkeessuu dandeenyaan kan hubachiisan Dooktar Abiyyi lammiileen Itoophiyaa hundi sochii kana keessatti hirmaatanii dhaloota dhufuuf ashaaraa isaanii misooma magariisummaan akka mirkaneessan waamicha dhiyeessaniiru.
Shuumii Badhaasootiin qindaa’e