Ashaaraan Magariisaa dameewwan hunda keessatti bu’aa qabatamaa fidaa jira – Taaggasaa Caafoo

You are currently viewing Ashaaraan Magariisaa dameewwan hunda keessatti bu’aa qabatamaa fidaa jira – Taaggasaa Caafoo

AMN PLUS-Waxabajjii 19/2018

Sagantaan Ashaaraa Magariisaa sadarkaa biyyaatti adeemsifamaa jiru jijjiirama qilleensaa dandamachuu irraa eegalee dameewwan hunda keessatti bu’aa qabatamaa argamsiisaa akka jiru Afa Yaa’iin Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataa Obbo Taaggasaa Caafoo ibsan.

Miseensonni Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataa, hoggantoonni fi hojjettoonni waajjirichaa sagantaa dhaabbii biqiltuu kana irratti hirmaachuun ashaaraa isaanii biqiltuu dhaabuun teechisaniiru.

Jijjiirama qilleensaa addunyaa rakkisaa jiru kana Itoophiyaan dursitee kan hubatte furmaata fiduudhaaf sagantaa ashaaraa magariisaatiin cimtee hojjechaa akka jirtus Obbo Taaggasaa Caafoo dubbataniiru.

Sagantaan kanaan uwwisni bosonaa haalaan dabalaa akka jiru kan himan Afa Yaa’ichi milkaa’inni kunis cimee akka itti fufuuf uummanni biyyatti hunduu sagantaa biqiltuu dhaabuu baranaa irratti dammaqinaan hirmaachuun dirqama lammummaa akka bahatanis waamicha dhiyeessaniiru.

Manni Maree Bakka Bu’oota Uummataa waggaa hunda waqti gannaa miseensotaa fi hojjettoota isaa hunda hirmaachisuun sagantaa Ashaaraa Magariisaa irratti bal’inaan akka hirmaatan kan ibsan Mana Marichaatti Bakka Bu’aa Olaanaan Mootummaa Tasfaayee Beeljigee (PhD) sagantaan ashaaraa magariisaa kunis uwwisa bosonaa dabaluu caalaa haala qilleensa biyyatti to’achuun wabii nyaata mirkaneessuu keessattis shoora olaanaa akka qabu eeruu isaanii ENA’n gabaasera.

Sagantaan ashaaraa magariisaa baranaas mata duree “Abdii Haa Dhaabnu” jedhuun raawwatamaa kan jiru yoo ta’u, waliigalaan barana biqiltuu Biliyoona 8 ol dhaabuun Biliyoona 56’n gahuuf akka ta’e ibsameera.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply