Addis Miidiyaa Neetwoork fi Biiroon Misooma Teeknooloojii fi Inooveeshinii Magaalaa Finfinnee waliigaltee waloon hojjechuuf dandeessisu waliif mallatteessan

You are currently viewing Addis Miidiyaa Neetwoork fi Biiroon Misooma Teeknooloojii fi Inooveeshinii Magaalaa Finfinnee waliigaltee waloon hojjechuuf dandeessisu waliif mallatteessan

AMN PLUS – Waxabajjii 19/2018

Addis Miidiyaa Neetwoork fi Biiroon Misooma Teeknooloojii fi Inooveeshinii Magaalaa Finfinnee waliigaltee waloon hojjechuuf dhaabbilee lameen dandeessisu waliif mallatteessaniiru.

‎Waliigalticha Hoji Raawwachiisaan Olaanaa AMN Obbo Solomoon Dibaabaa fi Hogganaa Biiroo Misooma Teeknooloojii fi Inooveeshinii Magaalaa Finfinnee Obbo Awaalee Mahaammad mallatteessaniiru.

‎Obbo Solomoon Dibaabaa waliigalticha wayita mallatteessan akka jedhanitti, AMN hojiiwwan kalaqaa haaraa filmaatilee adda addaa qabuun uummata biraan gahaa jiru cimsee kan itti fufu ta’uu himaniiru.

Kanas afaanota garaagaraa fayyadamuun bifa bashannansiisuu, barsiisuu fi odeeffannoo kennuun qabiyyeewwan garaagaraa guddinaafi jijjiirama magaalaa Finfinnee madaalaan qopheessuun, akka miidiyaa magaalaatti uummataaf dhihoo ta’ee kan kaleessan olitti hojjechuuf humna namaa gahoomeefi teeknooloojii ammayyaa hidhateen kan hojjetu ta’uus Obbo Solomoon itti dabaluun dubbataniiru.

AMN dhaabbilee garaagaraa waliin tumsaan hojjechuuf balballi isaa banaa ta’uus Obbo Solomoon Dibaabaa hubachiisaniiru.

‎Hogganaan Biiroo Misooma Teeknooloojiifi Inooveeshinii Magaalaa Finfinnee Obbo Awaalee Mahaammad gama isaaniin mul’ata Finfinnee magaalaa ‘ Smart City’ taasisuuf qabame milkeessuuf kalaqawwan teeknooloojii garaagaraa biiroo isaaniin hojjetamaa jiraachuu ibsaniii, hojiiwwan kanneen uummata biraan ga’uf waliigalteen dhaabbilee lameen gidduutti mallatteeffame kun hiikoo guddaa qabaachuu himaniiru.

‎Waliigalteen hojii AMN waliin mallatteessanis seena qabeessafi guddina magaalattiin amma eegalte kan tumsu ta’uus Obbo Awaaleen dubbataniiru.

Gabaasni kan Sisaay Dirribaati

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply