AMN PLUS – Waxabajjii 20/2018
Waltajjiin Qorannoo Biyyaalessaa 6ffaan mata duree “qorannoo rakkoo furu hoggansa misooma magaalaafi olka’iinsaaf’’ jedhu Hoggansa Mana Barumsaa Finfinneetiin qophaa’e irratti kan argaman Ambaasaaddar Diinaa Muftiin adeemsa jijjiiramaa Itoophiyaan dameewwan hunda keessatti galmeessaa jirtu irratti rakkoolee mudatan qorannoo fi qo’annoon adda baasuun furmaata itti kennuun akka barbaachisu ibsaniiru.
Keessattuu haala siyaasa Baha Afrikaa irraa kan ka’e rakkooleen baay’een akka jiran kan kaasan Ambaasaaddarichi, rakkoolee kanneen milkaa’inaan keessa dabruuf hojiiwwan qo’annoo fi qorannoo murteessaa akka ta’anis eeraniiru.
Rakkoowwan biyyaa alaa qofa osoo hin taane kan biyya keessa jiranis qorannoo fi qo’annoon adda baasuun furmaata kennuun barbaachisaa ta’uu kan dubbatan Ambaasaaddar Diinaa Muftiin, rakkoowwan magaalota keessatti mul’atan qorannoo irratti hundaa’uun furuun, magaalonni akka fakkeenya badhaadhinaa ta’an gochuun barbaachisaa akka ta’es eeraniiru.
Magaalonnis magaalota biyyoota guddatan waliin walitti hidhamiinsa uumuun damee dippilomaasii keessatti gahee isaanii akka bahatan gochuuni barbaachisaadha jedhaniiru.

Rakkoowwan magaalaa karaa saayinsawaa ta’een furuuf hojiiwwan qorannoo warreen imaammata baasaaniif galtee ta’an hojiirraa oolchuun akka barbaachisu Pirezidaantiin Akkaadaamii Hoggansaa Finfinnee Dooktar Xaasoo Gabree ibsaniiru.
Rakkoolee bu’uuraa jiraattota magaalaa furuuf akkasumas guddina dhaabbilee cimsuuf hojiiwwan qorannoo fi qo’annoo murteessaa ta’uus dubbataniiru.
Akkaadaamichi qorannoowwan hojjetu galmeessee kaa’uu qofa osoo hin taane karaa hoggansa magaalaatiin gara hojii qabatamaa hiikamu akka qabus akeekaniiru.
Waltajjii qophaa’e kanarrattis bu’aawwan qorannoo fi qo’annoo adda addaa dhiyaachuun mariin irratti gaggeeffameera.
Gabaasni kan Heenok Zannabaati