AMN PLUS – Waxabajjii 20/2018
Biiroon Barnootaa Magaalaa Finfinnee Kolleejjii Barsiisota Asallaafi Dabra Biraan Waliin ta’uun Barsiisota Barnoota bu’uura Boruu leenjisaa ture har’a eebbisiise
Biirichi barnoota mala taphaan dabaalamee baratamuun sagantaa gannaafi sanbattan lamaaniin waggoota Lamaan darbaniif Kolleejjii Barsiisota Asallaafi kolleejjii Barsiisota Dabra Biraanitti leenjisiisaa ture Sadarkaa Dippiloomaatiin Eebbisiiseera.

Sagantaa Eebba Barsiisota Barnoota Bu’uura Boruu kana irratti haasaa kan taasisan Hogganaa Biiroo Barnootaa Magaalaa Finfinnee Dr. Zalaalam Mulaatuu akka jedhanitti barnoota mala taphaan barsiisuu irratti sirni, caasaas ta’ee ogummaan barbaachisu Magaalaa Finfinnee keessa waan hin jirreef Kolleejjii Barsiisotaa Asallaafi Dabra Biraanitti leenjiisuuf akka dirqaman himanii, kanaanis milkoofnee barsiisota 2,359 eebbisiisuu dandeenyeerra jedhaniiru.
Barachuun karaa barbaaduuf, barachuun ta’uudhaaf, barachuun gochaan agarsiisuudhaaf, barachuun waliin jiraachuuf kan jedhan Dr. Zalaalam, barsiisonni bu’uura boruu karra saaqxota, bu’uura warra ka’aniifi warra biyya ijaaraniidhas jedhaniiru.
Caba barnoota keessa turre suphuufi gama barnootaan bu’aa barbaadame argamsiisuuf ammas bu’uura boruu irratti hojjachuu barbaachisas jedhaniiru.

Obbo Dinqaalam Tolasaa Pirezidaantiin Waldaa Bariisota Magaalaa Finfinnee Ijaarsi biyyaa kan jalqabu barnoota bu’uura boruu irraa akka ta’e himanii, barsiisonni ammoo maandisa dhalootatii jedhaniiru.
Biiroon Barnoota Magaalaa Finfinnee Barnoota beelaan ala taasiseera, naannoofi kutaa barnootaa mijataa taasiseera, barsiisotaaf mana jireenyaa mijeessuu dabalatee haala mijataa uumeera kanaafis galatatu malaaf jedhaniiru.

Biiroon Barnoota Magaalaa Finfinnee Barsiisota qabxii olaanaa galmeessaniif carraa barnoota digirii jalqabaa tola kennuuf murteesseera.
Dureewwan Kolleejjii Barsiisota Asallaafi Kolleejjii Barsiisota Dabra Biraan dabalatee qaamolee gumaacha taasisaniif badhaasniifi beekamtiin kennameera.
Qaamoleen milkaa’ina kanaaf tumsan hundis Biiroo Barnoota Magaalaa Finfinneetiin galateeffatamaniiru.
Gabaasni kan Bayyanaa Taaddasaati