Ergaa Galataa Kantiibaa Adaanech Abeebee

You are currently viewing Ergaa Galataa Kantiibaa Adaanech Abeebee

Kaayyoon filannoo keenyaaf qabanne milkaa’ee galata waliif dhiyeessuu kan nu dandeessise Uumaan haa galatoomu!

Kabajamoo abbootii qabeenyaa magaalaa keenyaa, Paartiin keenya Badhaadhinaa biyya keenya ijaaruu fi hundaaf fayyadamummaa mirkaneessuuf imaammataa fi tarsiimoo diriirsee ciminaan hojjechaa akka jiru hubattanii, mootummaa cinaa dhaabbachuu keessaniin, yeroo hundumaa deeggarsa fi tumsa keessan agarsiiftanii, akkasumas hirmaannaa dammaqinaan taasiftaniif irra deebi’uun galata guddaa isiniif dhiyeessina.

Filannoon Itoophiyaa paartiin tokko sagalee caalmaa argachuu jechuu osoo hin taane, hojii biyya jabeessuu fi mootummaa dimokiraatawaa ijaaruudha.

Kanaafuu, ummanni keenya ijaarsa sirna dimokiraasiif obsa fi cimina agarsiise, hojii misoomaa jalqabame itti fufuuf fedhii qabu, akkasumas nageenya waaraa mirkaneessuuf imala jalqabame milkeessuuf paartii keenyaaf ammas itti gaafatamummaa fi imaanaa guddaa kenneera.

Nutis itti gaafatamummaa nuuf kenname kana dhugumaan, ciminaan fi amanamummaadhaan tajaajiluun ummata keenyaaf ni hojjenna.

Paartiin keenya dameen dhuunfaa michuu cimaa badhaadhina biyyaa dhugoomsuu keessatti gahee guddaa qaba jedhee amana.

Kanaafis, tattaaffii isin ijaarsa biyyaaf gootan keessatti deeggarsi keenya yeroo hunda isin bira ni jiraata; kanaaf walta’iinsa keenya caalaatti cimsinee hojii keenya itti fufna.

Uumaan Itoophiyaa fi uummattoota ishee haa eebbisu!

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply