Komii waggoota 10 ol tureefi amma galatatti jijjiirame ijaarsa riqichaa Kutaa Magaalaa Lidataa naannawaa Bosona Saahiluu furmaata argate

You are currently viewing Komii waggoota 10 ol tureefi amma galatatti jijjiirame ijaarsa riqichaa Kutaa Magaalaa Lidataa naannawaa Bosona Saahiluu furmaata argate

AMN PLUS – Waxabajjii 20/2018

Finfinnee Kutaa Magaalaa Lidataa iddoo addaa naannawaa Bosona Saahiluutti kan argamu riqichi ‘Sabaaraa’ waggoota 10 oliif gaaffii uummataa ta’ee ture ijaarsi isaa xumuramee tajaajilaaf banamuun isaa rakkoo yeroo dheeraa jiraattota mudachaa ture hambisee fayyadamummaa keenya mirkaneesseeraan jiraattotni naannawichaa ibsaniiru.

Jiraataan naannawaa Liddataa Sheek Qaasiim Awwal akka jedhanitti, ijaarsi riqicha kanaa osoo hin xumuramiin dura bakka garaagaraatti socho’uuf akkasumas gara masjiidaatti salaataaf deemuun baay’ee rakkisaa ture.

Sheek Qaasiim waggoota hedduuf rakkoo cimaa keessa turuu yaadachuun amma garuu ijaarsi riqicha jedhamee xumuramee eebbifamuun gammachuu guddaa akka isaaniif kenne ibsaniiru.

Jiraattuun biraa naannawichaa Aadde Tigist Gabramadihiin akka jettutti, duraan iddoon sun dubartoota ulfaa fi haadholii daa’ima baatanii ce’aniif baay’ee rakkisaa ture.

Sababa riqichi duraan ture caccabeef socho’uun, gabaa deemuufi dhukkubsattoota gara dhaabbilee fayyaatti geessuun qormaata cimaa ture kaasuun amma garuu ijaarsi riqicha haaraa xumuramuun haadholiin rakkina ture keessaa bahuun akka garaa isaaniitti tajaajilamuu akka danda’an ibsaniiru.

Bulchiinsi magaalichaas gaaffii jiraattotaa dhaggeeffatee riqicha ijaaruun rakkoo waggoota dheeraaf ture hiikuu isaatiin jiraattotni naannawichaa galateeffataniiru.

Riqichi iddoo addaa Bosona Saahiluu jedhamutti argamu tajaajila kennuun namoota wal irraa fagaatan wal qunnamsiisuu, maanguddoon humna hinqabne rakkina malee akka ce’an, abbootiin amantaa osoo hinrakkatiin salphaatti amantoota argachuu akka danda’an akkasumas jiraattotni magaalattii sodaa malee akka socho’an haala mijataa uumeera jechuun ibsaniiru.

Pirojektichi rakkoo waggoota 10 oliif tureef furmaata kaa’uu kan ibsan namootni AMN dubbise kunniin Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee gaaffii hawaasaa deebisuun qaama furmaata tahe galateeffataniiru.

Gabaasni kan Yeshaambal Mihireeti

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply