AMN PLUS – Waxabajjii 20/ 2018
Itoophiyaan waggoottan saddeettan darban keessatti bu’uuraalee misoomaa babal’isuurra dabruun, magaalota wiirtuu dammaqinsa oomishaa fi diinagdee gochuuf imalli bifa tarsiimoo qabuun jalqabde jijjiirama seena qabeessa galmeessisaa jiraachuu Waajjirri Ministira Muummee ibse.
Ragaaleen ifa ta’an akka agarsiisanitti, biyyattiin misooma magaalaa, fooyya’iinsa faayinaansii fi damee dhiyeessii manneenii keessatti rikoordiiwwan haaraa biyyaalessaa galmeessitee jirti.
Bara 2010 A.L.I qoodni magaalotaa Oomisha Walii-galaa Keessoo (GDP) keessaa dhibbeentaa 38 qofa kan ture yoo ta’u, fooyya’iinsa diinagdee bal’aa waggoottan saddeettan darban keessatti gaggeeffameen yeroo ammaa gara dhibbeentaa 54.7tti guddhachuu danda’ee jira.

Guddinni ol’aanaan akkasii kun magaalotni imala badhaadhinaa biyyattiin qabatteef utubaa diinagdee fi motara sochoostuu isa ijoo ta’uu danda’uu isaanii argisiisa.
Gama biraatiin, sirna diinagdee si’aawaa gabaan hoogganamu diriirsuuf tarkaanfiiwwan fooyya’iinsa qindaa’aa fudhatamaniin, qoodni liqii baankii damee dhuunfaa bara 2010 dhibbeentaa 41 irra ture irraa ka’uun yeroo ammaa dhibbeentaa 94 irra gahuu danda’eera.
Milkiin kun sirna dhiyeessii liqii kanaan dura to’annoo mootummaa jala turee fi dhiibbaa uumaa ture guutummaatti kan jijjiire tarkaanfii seena qabeessaa dha.

Haaluma walfakkaatuun, magaalaan guddiittiin Finfinnee sirna sassaabbii galii keessoo ishee teknoolojiidhaan ammayyeessuu fi hojmaata badaa ta’an murannoodhaan dhabamsiisuun, faayinaansidhaan ofiin of bulchuu fi dandeettii baajataa ishee dacha 64n guddisuu dandeesseetti.
Guddinni galii kun magaalaan tun misooma kooridarii gurguddoo fi ijaarsa iddoowwan bashannana uummataa jalqabdeef dandeettii maallaqa ol’aanaa ta’uu danda’ee jira.
Rakkoo dhiyeessii manneenii bara 2010 dura ture haala waaraan hiikuuf carraaqqiiwwan qindaa’an taasisamaniin, waggoottan saddeettan darban keessatti manneen jireenyaa haaran gatii madaalawaan ijaaraman miiliyoona 1.2 guutuu biyyattiitti lammiilee fi fayyadamtootaaf dabarfamaniiru. Kunis gaaffii mana jireenyaa namoota baay’ee haala amansiisaa ta’een kan deebise ta’uun ibsameera. Waajjira Ministira Muummee irraa odeeffanne
Warqinaa Abbiyyuutiin