AMN PLUS – Waxabajjii 20/2018
Magaalaa Finfinneetti hojiin gochoota seeraan ala ittisuuf hojjetame bu’aa qabatamaa fidaa jiraachuu Abbaan Taayitaa Kabachiisa Dambii Magaalichaa ibse.
Abbaan Taayiticha gochoota seeraan alaa ittisuu keessatti hojiileen misooma qarqara laggeeniitti hojjetamaniifi kunuunsi taasifachuuf shoora olaanaa qabaachuu ibsuun hojiin bu’a qabeessi akkasii cimee akka itti fufu hubachiiseera.
Abbaan Taayitaa Kabachiisa Dambii Magaalaa Finfinnee raawwii karoora hojii bara baajataa 2018 qorachuun karoora hojii gara fuulduraa bara baajataa 2019 irrattis kan mari’ate yoo tahu bara baajataa xumuramaa jiru kana keessa haala mijataa magaalattiin qabduutti fayyadamuun gochoota seeraan alaa dursan ittisuu irratti milkaa’ina galmeessuun ibsameera.

Kana malees kanaan dura madda komii hawaasaa kan turan tajaajila garaagaraa mana hojii Abbaa Taayitichaan kennamu teeknoloojiin deeggaruun milkaa’inni olaanaa bu’aan dabaalame galmaa’uu danda’uun raawwii karoora hojii qoratame keessatti ka’eera.
Qulqullina qarqara laggeenii eeguufi eegsiisuun walqabatee hojiileen jajjabeeffamuu qaban kan hojjetaman yoo tahuu gara fuulduraalee cimee akka itti fufuu kallattiin qorannoo hojii adeemsifameerratti kaa’ameera.
Hawaasa hirmaachiisuun hojiin gochoota seeraan alaa ittisuu Abbaa Taayitaa Kabachiisa Dambii Magaalaa Finfinneen hojjetame bara baajataa xumuramaa jiru kana keessa milkaa’aa yoo tahuu bara baajataa itti aanu keessa cimee itti fufa jedhameera.
Akka magaalatti cabiinsa seeraa mudatu kamiyyuu humna namaa gahoome dabalataan deeggarsa teeknoloojiin hordofuufi to’achuuf hojimaatni diriirfamee akka caalmaatti hojjetamus Abbaan Taayitichaa ibseera.
Gabaasni kan Daani’eel Malaakuuti