Uumaan nu gargaaree yeroonis gahee balbalatti hidha guddaa arganneerra – Kantiibaa Adaanech Abeebee

You are currently viewing Uumaan nu gargaaree yeroonis gahee balbalatti hidha guddaa arganneerra – Kantiibaa Adaanech Abeebee

AMN PLUS – Waxabajjii 22/2018

Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebee hidhi guddaa laga Qabbanaarratti hojjetame kennaa dilbii uumaan ganama nu badhaaseetu harka namaatiin misoomee jedhan.

Aadde Adaanech pirojektiin guddaan gidduu magaalaa Finfinneetti ijaarame hidhi laga Qabbanaarratti hojjetame xiqqaafi guddaa, dureessas harka qalleeessas qixa kan tajaajilu kennaa haaraa jiraattota Finfinneef gumaachame tahuu ibsaniiru.

Hidhichi bakka itti jiraattotni Finfinnee akkaataa fedhii isaanitti itti afuura dheeraa baafatan, bakka soora qalbii sammuu tahuu ibsuun sanarra darbee iddoo hawwata turistootaa tahuun gara fuulduraa madda galii dabalataa Finfinnee tahe akka tajaajilus Aadde Adaanech hubachiisaniiru.

Waa’ee laga Qabbanaa kaleessa sagaleen sirbamurra kan darbee misoomee jijjiiramaa baay’een quba akka hinqabaatiin kaasuun amma garuu yaadama Ministira Muummee FDRI Abiyyi Ahimad (PhD) maddisiisaniin toora qabatee yeroo gabaabaa keessatti saffisaafi qulqullinaan xumuramuun tajaajilaaf banaa tahuu Kantiibaa Adaanech ibsaniiru.

Kaleessa foolii badaa qabuun kan ofitti nama hinbutne dubbiin faallaa tahee har’a harka namaan misoomee ofitti nama waama kan jedhan Aadde Adaanech hojjennaan waanti hinjijjiiramne akka hinjirres laga Qabbanaarraa barnoota guddaa fudhachuun akka danda’amu hubachiisaniiru.

Iddoosaa Abdiitiin qindaa’e

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply