AMN PLUS- Waxabajjii 22/2018
Piroojektiin Qarqara Laga Qabbanaa’aa Magaalaa Finfinneef simboo dabalataa ta’eera jedhan Kaantiibaan Adaanech Abeebeen.
Lagni kun namaan kan bade, namaan misoome jedhan.
Kan uumaan nu badhaase Qabbanaa’aa, namni balleesse, namni kennaan uumamaa kun baduun isa gaabbisise ammoo Qabannaan irra deebiin akka dhalatu taasiseera jedhan.

Lagni Qabbanaa’aa barootaaf sirbaa fi yaadannoon qofaan maqaan isaa waamamaa ture har’a irra deebiin dhalateera.
Qabbanaa’aan eenyummaan uumama isaa badee, bakka kuusaa balfaa ta’ee, foolii badaan guutamee ture.

Lageen bakka kuusaa balfaa fi madda dhibeewwanii ta’anii turan dhamaatii fi dafqaan yaalamuun, jiraattoota magaalichaaf madda abdii fi gammachuu ta’aa jiru.
Piroojektiin yeroo gabaabaa keessatti haala addaan hojjetame kun Piroojektoota biroo waliin ta’uun simboo magaalichaa ta’aniiru.