Ergaa Kantiibaa Adaanech Abeebee

You are currently viewing Ergaa Kantiibaa Adaanech Abeebee

Har’as Uumaa nu gargaareef galanni haa ta’u!

Har’a jiraattota magaalaa keenyaaf kennaa haaraafi, dinqii biraa “Misooma Lagaa fi Qarqara Laga Inxooxxo – Qabanaa’aa” fi pirojektii Hidha Qabanaa’aa Kabajamoo Mummee Ministiraa Dr. Abiyyi Ahimadiin eebbifamanii tajaajilaaf banaa gooneerra.

Finfinneen keenya gaaffilee fi fedhiiwwan bu’uuraa jiraattota ishee qabatamaan deebisaa; hojiiwwan misoomaa gurguddoo uummata keenyaaf dursa kennanii fi magaalattii madaalan gahumsaa fi cimina caalmaan raawwataa jirti.

Har’a magaalaa keenya Finfinneetti midhaginaafi, faaya dabalataa kan uwwise misooma qarqara lagaa fi hidhaa kana, yaada burqisiisummaa Kabajamoo Mummee Ministira keenyaatiin qajeelfama hojii nuuf kenname irratti hundaa’uun qulqullinaa fi ariitiin xumurre uummataaf dhiheessineerra.

Pirojektichi hojiiwwan misooma kooriidarii fi qarqara lagaa magaalattii keessatti hojjetaman biroo waliin walfaana yeroo ilaalamu, dhugumatti Finfinnee sadarkaa idil-addunyaatti bakka hawwata tuuriizimii filatamaa qofa osoo hin taane, wiirtuu miidhaginaa kan ishee taasisu pirojektii dinqiidha.

Pirojektichi waliigala lafa hektaara 87.6 kan uwisu yoo ta’u, dheerina kiilomeetira 10.5 qaba. Keessa isaattis wiirtuulee tajaajila waliinii fi tajaajila uummataa baay’ee hawwataa ta’an guuttatee argama. Kunis kanneen armaan gadii of keessaa qaba:

Hidhawwan fi Ittisoota: Hidha guddaa 1, hidha xixiqqaa 16, fi ittisoota lolaa (check dams) 3.

Daandii Miilaa fi Dallaa: Dheerina kiilomeetira 1.2 kan ta’e daandii deemsa miilaa (hiking), akkasumas dheerina kiilomeetira 20.2 kan ta’e dallaa ittisa lagaa (Retaining Wall).

Miidhagina Uumamaa: Fincaa’aa bishaanii (waterfalls) hawwataa 3 fi burqaa bishaanii 1.

Eegumsa Lafaa: Hojii daagaa Konsoo meetira iskuweerii 36,928 uwisu.

Misooma Magariisaa fi Bu’uura Misoomaa:

Misoomni kun uumamaaf xiyyeeffannoo addaa kennuun, iddoo misooma magariisaa miidhagaa hektaara 59.7 uwisu kan misoome yoo ta’u, biqiltuuwwan akaakuu adda addaa 50,330 irratti dhaabamaniiru.

Dhiheessii bu’uura misoomaatiin:

Daandii asfaaltii ammayyaa kiilomeetira 10.62, daandii miilaa kiilomeetira 33.2, fi ibsaa daandii ammayyaa kiilomeetira 33.2 uwisu hojjetameera.

Sarara dhangala’aa fi lolaa dhabamsiisu kiilomeetira 19.13, akkasumas mana fincaanii qulqulluu 23 ijaarameera.

Daawwattoonni salphaatti fi miidhaginaan laga akka cehaniif: Riqicha miilaa 21, riqicha fannifamaa 3, riqicha miilaa sibiilaa 6, riqicha geengoo (circular) 1 fi riqicha konkiiriitii 1 hojjetameera.

Wiirtulee Bohaartii fi Daldalaa: Hawaasni akka bohaaruu fi tajaajila guutuu akka argatu yaadamee:

Iddoowwan ispoortii 9, bakka dhaabbannaa konkolaataa (paarkingii) 7 yeroo tokkotti konkolaattota 695 keessummeessuu danda’an, iddoowwan walgahii 4, pilaazaawwan 7, fi paaviliyoonota 4 ijaaramaniiru.

Tajaajila daldalaa fi bohaartiif kan oolan manneen daldalaa (suuqii) kiilomeetira 32 uwisan, amfi-tiyaatiroota 2, kaafteeriyaalee 10, iddoowwan tapha daaimmanii 7, akkasumas manneen kitaabaa uummataa xixiqqaa 2 hammatamaniiru.

Dhuma irratti, pirojektiin guddaan kun yeroo fi sadarkaa qulqullina yaadamee keessatti akka xumuramuuf halkaniif guyyaa kan dadhabdan, kan tattaafattan, kan qindeessitanii fi deggertan hoggantoota sadarkaa adda addaarra jirtan, akkasumas uummata naannichaa maraaf maqaa bulchiinsa magaalichaa fi maqaa kootiin galata guddaa nan dhiheessa.

Uumaan Itoophiyaa fi uummata ishee haa eebbisu!

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply