Hojiin Ashaaraa Magariisaa yaadarraa eegalee hanga hojiirra oolmaa isaa bifa Itoophiyaa ibsa- Obbo Tamasgeen Xurunaa

You are currently viewing Hojiin Ashaaraa Magariisaa yaadarraa eegalee hanga hojiirra oolmaa isaa bifa Itoophiyaa ibsa- Obbo Tamasgeen Xurunaa

AMN PLUS – Waxabajjii 22/2018

Sagantaan Ashaaraa Magaariisaa yaada irraa eegalee hanga hojiirra oolmaatti bifa Itoophiyaa akka ibsu Ministira Muummee Itti Aanaan Obbo Tamasgeen Xurunaa ibsan.

Obbo Tamasgeen Xurunaa ergaa fuula miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin Itoophiyaan madda qaroomina guguddoo yaada irratti hundaa’ani fi kuusaa beekumsa qulqulluu kan taate yoo ta’u, sagantaan Ashaaraa magrisaa ammaas kalaqa fageessanii abbootii durii dhaloonni ammaa itti mirkaneessu akka ta’e ibsaniiru.

Jijjiiramni qilleensaa yaa’iiwwan irra deddeebi’anii qophaa’an qofaan akka hin furamne, yaada burqisiisuun kan jalqaban Ministirri Muummee Dooktar Abiyyi Ahimad roobaa fi dhoqqee osoo hin jedhin cimaanii hojjechuun bu’aa argamsiisuun akka ta’e daandii agarsiisuu isaanii eeraniiru.

Pirojektii biyyaalessaa Ashaaraa Magariisaa kana irratti ijoollee hanga mangoddootaatti duulaan hirmaachuun misoomaa seenaa galmeessaa akka jiran kan ibsan Obbo Tamasgeen, ijoolleen Itoophiyaa Inisheetiivii kana waggootaaf milkaa’inaan raawwachuun mallattoo jijjiiramaa addunyaa irratti kabajaan akka mul’isanis ibsaniiru.

Carraawwan Yaa’ii idil-addunyaa akka COP32 keessummeessuuf argachuun bu’aa irree gamtoomeen, yaada ida’amuutiin hojjechuu fi badhaasa ashaaraa biyyaalessaati kan jedhan Obbo Tamasgeen, bu’aawwan injifannoo hojii cimaa Ashaaraa Magariisaa fi kaayyoo jijjiiramaa biroo keessatti mul’ate, tattaaffii waloo fi walitti ida’amuun Itoophiyaan dhugumaan guddachaa, akka jirti ifattis agarsiisaa jirtis jedhaniiru.

Damee hundumaa keessatti mul’ata karoorfame hojiitti hiikuuf hanga milkaa’inni isaa argamutti ciminaan hojjechuun “Abdii Dhaabnus” ni milkeessina jedhaniiru.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply