AMN PLUS -Waxabajjii 22/2018
Jechama hawaasaatiin iji banamtee arguu yoo hin dandeenye adda qofa akkuma jedhamu, waggoota baay’eedhaaf rakkinaafi miidhaagina qe’eetti dhufu danda’u osoo hin argiin jiraachaa turree jedhan Ministirri Muummee Dooktar Abiyyi Ahimad.
Kanas kan jedhan wayita misooma qarqara laga Qabbanaa’aa eebbisiisuun tajaajilaaf banaa taasisan yoo ta’u, Magaalaa Finfinnee keessatti laga Qabbanaa’aa weellunis ta’ee qaamaan jiraattotni hedduun akka beekan ibsaniiru.

Haa ta’uu malee laga kennaa qabeenya uumamaa kana ija banachuun kununsanii miidhagina isaaf maluu akka eegamu taasisuu irratti hanqinni guddaan akka ture kan ibsan Ministirri Muummee, hoggansi ammaa ija banachuun laga uumama isaa gadlakkisee iddoo jireenya namaaf rakkisaa ture deebisanii miidhagsuun Finfinnee keessatti bakka hawwatamaa akka ta’u taasifameeras jedhaniiru.
Misooma Magaalaa Finfinneetti hojjetaman hojirraa oolchuf ‘P3’ irratti xiyyeeffachuun hojjechaa turre kan jedhan Dooktar Abiyyi, inni dura ‘place’ jechuunis lafa jiru addaa baasuun beekuun misoomsuun akka barbaachisu kan himan.

‘P’n inni lammaaffan ‘Pattern’ dha kan jedhan Ministirri Muummee qabiyyee teessumma lafaa qarqara lagaa beekuun akka uumama waliin walsimutti misoomsuu yoo ta’u, ‘P’ inni sadaffaan ammoo ‘People’ uummata kan jedhan haala uummataaf mijataa ta’een ijoolleen itti gammadaa akka garaa isaanii keessa burraaqaa jaalala biyyaa qabaachuu akka danda’anitti xiyyeeffannoo namaaf kennuun misoomsuu akka ta’e kan dubbatan.
Yeroo ammaa misooma qarqara laga Qabbanaa’aa irratti hojjetaman hidha xixiqqa haroo uuman, iddoo bashanannaa cirrachaa qabu qarqara bishaanii, ‘Jeet Iskii’ (bidiruu xixiqqoo motoraan bishaan irra oofamu) fi daandiiwwan deemsa miilaa dabalatee iddoowwan magariisaa nama bashanansiisan baay’een laga Qabbanaa irratti hojjetaman Finfinneetti giddu gala hawwata turizimillee akka ta’an Dooktar Abiyyi ifoomsaniiru.
Shuumii Badhaasootiin qindaa’e