Hariiroon hunda galeessi Itoophiyaafi Chaayinaa caalmaatti cimee itti fufa – Obbo Adam Faaraah

You are currently viewing Hariiroon hunda galeessi Itoophiyaafi Chaayinaa caalmaatti cimee itti fufa – Obbo Adam Faaraah

AMN PLUS -Waxabajjii 22/2018

Sadarkaa Ministira Muummee Itti aanaatti Hogganaan Giddu Gala Qindeessa Ijaarsa Sirna Dimokiraasii obbo Adam Faaraah Hariiroon hunda galeessi uummattootaa Itoophiyaafi Chaayinaa caalmaatti cimee akka itti fufuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.

Obbo Adam Faaraah guyyaa har’aa Itoophiyaatti Ambaasaaddara Chaayinaa Ambaasaaddar Cheen Haayin waliin mari’ataniiru.

Ambaasaaddar Cheen Haayin Paartiin Kooministii Chaayinaa filannoon waliigalaa marsaa 7ffaa Itoophiyaan adeemsifte milkaa’inaan xumuramuufi Paartiin Badhaadhinaa injifachuu hordofee ergaa baga gammaddanii dabarsu ibsaniiru.

Paartichi ergaa isaan hoggansa Ministira Muummee Dooktar Abiyyi Ahimadiin nageenyiifi tasgabbii waaraan, tokkummaan biyyaalessaafi badhaadhinni roga maraa akka mirkanaa’u amantaa qabu ibseera.

Bu’aan filannichaa deeggarsa uummanni Itoophiyaa Paartii Badhaadhinaaf qabu kan agarsiisuufi yeroo itti aanus paartichi uummata Itoophiyaa hirmaachisuun imala gara badhaadhina fakkeenyummaa qabuutti ceesisuuf qabame akka dhugoomsu Paartiin Kooministii Chaayinaa eeruu Ambaasaaddarichi ibsaniiru.

Paartichi waliigaltee garaagaraa kanaan dura mallatteeffaman hojiirra akka oolaniif hojjechuu akka itti fufu akkasumas guddina biyyoota lameeniif tumsa cimaa akka uumu mirkaneesseera.

Obbo Adam Faaraah gama isaaniin, Paartiin Badhaadhinaa hariiroo uummattootaafi mootummootaa akkasumas tumsi Paartii Kooministii Chaayinaa waliin qabu cimee akka itti fufuuf xiyyeeffannoon hojjechaa jiraachuu ibsaniiru.

Paartileen lameen yaadamoota mandhaleen hogganamuun furmaatilee maddisiisuun bu’aa galmeessisuu eeruun, dhimmoota dam-daneessa irratti tumsaan hojjechuurra darbee deeggarsa gama maraa dameewwan garaagaraarratti taasifamaa jiraniif galateeffataniiru.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply