AMN PLUS – Waxabajjii 23/2018
Jiraattonni Magaalaa Finfinnee, yaada jibbiinsaa irraa bilisa ta’uun marii biyyaalessaatiin tokkummaa, guddinaa fi nageenya Itoophiyaa ijaaruun barbaachisaa ta’uu ibsaniiru.
Jiraattonni magaalattii AMN Dijitaal waliin turtii taasisaniin akka jedhanitti, tokkummaa, guddinaa fi nageenya Itoophiyaa cimsuuf Mariin Biyyaalessaa lammiilee hunda hirmaachisee fi hammate murteessaa dha.
Obbo Muraad Shariif, Itoophiyaanonni rakkoolee yeroo dheeraaf keessa turan mariidhaan hiikkachuun, walii galtee uumanii waliin jiraachuu akka qaban ibsaniiru.
Mariin Biyyaalessaa Itoophiyaa keessatti gaggeeffamaa jiru kallattii gaarii irra akka jiru ibsanii, fuuldurattis rakkoolee jiran mariidhaan hiikkachuun, waliigaltee cimsuufi Itoophiyaa nageenyaafi guddinaan badhaate ijaaruuf waliin hojjechuun barbaachisaa ta’uu eeraniiru.
Obbo Ammahaa Eguwaalee gama isaaniitiin, hojii Komishiniin Marii Biyyaalessaa Itoophiyaa gaggeessaa jiru akkuma kanaan itti fufuun, rakkoolee akka biyyaatti jiran sirnaan adda baasee nageenya ijaaruuf haala mijataa yoo uume, bu’aa gaarii akka fidu amantaa qaban ibsaniiru.
Nageenyi waaraan guutuu biyyattii keessatti yoo mirkanaa’e, hojiiwwan misoomaa Finfinneetti mul’atan naannolee biroottis bal’inaan raawwachuun akka danda’amu kaasaniiru.
Obbo Ammahaan dabalataan, waliigaltee dhabuu fi garaagarummaan yaadaa Itoophiyaa keessatti mul’atu humnaan osoo hin taane mariidhaan furamuu akka qabu ibsanii, mariin tokkummaa, guddinaa fi nageenya biyyattii ijaaruuf furmaata bu’uuraa ta’uu himaniiru.
Obbo Eeliyaas Balchaa gama isaaniin, Itoophiyaa malee biyya biraa hin qabnu kaasuun biyyattiin nageenyaan akka itti fuftuufi dhaloota dhufuuf biyya kabajamtuu dabarsuuf garaagarummaa yaadaa mariidhaan hiikuun barbaachisaadha jedhaniiru.
Sabaan yookaan amantiidhaan walitti bu’uun eenyuufuu faayidaa akka hin qabne ibsanii, uummattoonni walii isaaniif miidhaginaafi humna ta’uu beekanii yaada jibbiinsaa irraa bilisa ta’uun barbaachisaa ta’uu dubbataniiru.
Jiraattonni kunneen, adeemsi marii biyyaalessaa sadarkaa biyyaatti jalqabame garaagarummaa mariidhaan hiikuun waliigaltee waliinii uumuuf carraa guddaa ta’uu isaa ibsaniiru.
Yaa’iin Marii Biyyaalessaa Itoophiyaa Adoolessa 08/2018 irraa eegalee Magaalaa Finfinneetti ifatti akka jalqabu ibsameera.
Daraartuu Tarreessaatiin