Uumamni wal yaamuun miidhagina isa sirrii agarsiisa – MM Abiyyi Ahimad (PhD)

You are currently viewing Uumamni wal yaamuun miidhagina isa sirrii agarsiisa – MM Abiyyi Ahimad (PhD)

AMN PLUS – Waxabajjii 23/2018

Lubbu qabeeyyiin hunduu waan nyaatuu fi dhugu yoo argate bakka tokkotti argamuun miidhagina isa sirrii akka mul’isu Ministirri Muummee Dooktar Abiyyi Ahimad ibsan.

Misooma qarqara laga Qabbanaa irratti gubbaa hanga gadiitti biqiltootni nyaataaf oolan dhaabamaniiru kan jedhan Ministirri Muummeen, simbirrootni firiin nyaataniifi bishaan qulqulluun isaan dhugan jiraannaan akka dhufan shakkiin hin jiru jedhaniiru.

Uumamni wal yaamuun miidhagina isa sirrii ta’ee akka agarsiisan kan ibsan Dooktar Abiyyi, yeroo ammaa kanaas misooma Finfinneetti hojjetameen bishaan haroo kuufame irratti daakkiyyeewwan daakaa akka jiranis eeraniiru.

Mul’ata hojitti hiikuun qabatamaan akka misooma laga Qabbanaa kanatti kan mul’ifamu yoo ta’e qabeenya uumamaa haala kanaan misoomsuun miidhagsuun nama hundaa akka gammachiisus ibsaniiru.

Finfinneen ammallee qabeenya uumamaa guddaa nuti hin argin waan qabduuf sirriitti hojjechuu akka barbaachisu kan himan Dooktar Abiyyi Ahimad, har’a hamma tokko misoomuu kan ibsuun dhaloonni lafaa dhufaan kan misoome ilaalaa waan guddataniif kana caalaa hojjechuu akka danda’an shakkii akka hin qabne dubbataniiru.

Finfinnee keessatti kan hanga ammaatti misoome caalaa haroowwan baay’ee, biqiltuuwwan firiin nyaataman hedduu, bishaan qulqulluu fi simbirrootni gosa adda addaa baay’ee arguun barbaachisaadha kan jedhan Dooktar Abiyyi, uumama waliin walsimnee jiraachuun yoo hin danda’amne, uumama kunuunsuu yoo hin dandeenye adabbiin uumamaa ulfaataa akka ta’e himaniiru.

Akkuma ilaalcha addunyaatti ‘Psychological warfare’ lola xiinsammuutiin yaada namaa jijjiiruuf taasifamu, ecological warfare kan tahes akka jiru ibsuun dhaloonni dammaquun kunuunsa biyyee, bishaan fi qabeenya qilleensaa irratti fageessanii yaaduun hojjechuu akka qabanis ibsaniiru.

Kanaaf jiraattotni Magaalaa Finfinnee misooma biyya biraa daawwachuun inaafuu qofa osoo hin taane hojjechuun akka danda’amu agarsiisuun barbaachisaadhas jedhaniiru.

Shuumii Badhaasootiin qindaa’e

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply