AMN PLUS – Waxabajjii 23/2018
Hoggantootniifi hojjettootni Abbaa Taayitaa Kabachiisa Danbii Magaalaa Finfinnee kutaalee magaalatti hunda irraa walitti dabalamuun kutaa magaalaa Nifaas Silk Laaftootti argamuun biqiltuu dhaabaniiru.
Bulchiinsi Magaalaa Finfinnee sagantaa Ashaaraa Magariisaa baranaa mata duree “Abdii Haa Dhaabnu” jedhuun akka biyyaatti eegalame si’oominaan hojiitti hiikaa jira.

Bu’uruma kanaan Hoggantoonniifi hojjettoonni Abbaa Taayitaa Kabachiisa Danbii magaalattii kutaalee magaalaa Finfinnee hunda irraa walitti dhufuun kutaa magaalaa Nifaas silk laaftoo Paarkii Biheera Tsiggeetti biqiltuu dhaabaniiru.

Daayirektarri Olaanaa Abbaa Taayitichaa Kumalaa Zarihuun Tafarraa sagantaa ashaaraa magariisaa kanaan manni hojii isaanii biqiltuu Kuma 20 akka dhaabu ibsaniiru.
Abbaan taayitichaa teeknoloojii haaraa hidhachuun dambii magaalichaa kabachiisuun cinatti hojjettoota isaa hirmaachisuun hoji tola ooltummaa garaagaraa irratti hirmaachaa jiraachuus ibsan.
Hoji Raawwachiisaa Olaanaan Kutaa Magaalaa Nifaas Silki Laaftoo Obbo Ahimad Hasan gama isaaniitiin, karoora akka magaalaatti gama kanaan qabame milkeessuuf hunduu tumsuu qaba jedhaniiru.
Gabaasni kan Geetaahun Katamaati