
AMN PLUS – Waxabajjii 23/2018
Waggoota darban keessa Itoophiyaatti hojii hariiroo alaa irratti jijjiiramni guddaan mul’ateera.
Imaammanni hariiroo alaa mootummaa falaasama “Ida’amuu (Medemer)” bu’uura godhachuun boqonnaa haaraatti cee’era.
Mootummaan hariiroo dippilomaasii walta’iinsa gamlameee qofarratti hundaa’e irraa gara tarsiimoo “ollaa bu’uureffatee” jedhuun walitti hidhamiinsa dinagdee naannawaafi nageenya waloo irratti hundaa’e hojiitti hiikeera.
Kunis hariiroo seenaa fi aadaa Itoophiyaan biyyoota ollaa ishee waliin qabdu gara tumsa dinagdee ammayyaatti jijjiiruuf tarkaanfii murteessaa ta’eedha.
Milkaa’inni dippilomaasii Itoophiyaa waliigaltee mallatteeffameen qofa osoo hin taane, pirojektoota hojii irra oolaniinis madaalama.
Mootummaanis “Misoomni kophaa isaa itti fufiinsa hin qabu” jedhuun badhaadhinni Itoophiyaa tasgabbii fi misooma biyyoota ollaa waliin walqabatee akka ilaalamu taasiseera.
Bu’uura kanaan, Jibuutii waliin walitti hidhamiinsi ibsaa fi bishaanii uumame al-ergii humna ibsaa guddisuun sharafa alaa argamsiisuun alatti, guddina indaastirii biyyoota ollaa deeggaruuf gumaacha guddaa taasiseera.

Akkasumas, Keeniyaa waliin pirojektiin Buufata Doonii Laamuu (Lamu Port) fi Sudaan Kibbaa waliin waliigalteen daandii daangaa ce’uu dheerinni isaa kiiloo meetira 220 ta’e ijaaruu, biyyoota naannawaa walitti hidhuu fi hariiroo daldalaa isaanii cimsuuf tarkaanfii tarsiimaawaadha.
Invastimantiin Safaricom immoo walitti hidhamiinsa naannawaa cimsuu qofa osoo hin taane, jiraattota naannawaa daangaa keessa jiraatan gidduutti daldalaa fi hariiroo hawaasummaa fooyyessuuf gumaacha olaanaa taasisaa jira.
Itoophiyaan yeroo rakkoo biyyoota ollaa ishee cinaa dhaabbachuu ishee hojii qabatamaan agarsiifteetti.
Yeroo ce’umsa siyaasaa Sudaan keessatti gahee araaraa taphatteefi waraanni erga jalqabee booda mootummaa Sudaaniif deeggarsa namoomaa Doolaara Ameerikaa Miliyoona 15 kennuun kutannoo nageenya naannawaa mirkaneessuuf qabdu agarsiifteetti.
Karaan kun naannawaa gaanfa Afrikaa iddoo dorgommii humnoota alaa irraa gara naannawaa misoomaa fi abdii waloo ta’etti jijjiiruuf kan kaayyeffate yoo ta’u, yaadama “Rakkoo Afrikaatiif furmaanni Afrikaanota” jedhu irratti kan hundaa’eedha.

Mootummaan yaadama ida’amuutiin walitti hidhamiinsa dinagdee saffisiisuuf daandii baaburaa, daandii konkolaataafi bu’uuraalee humna ibsaa babal’isuuf hojjechaa jira.
Keessumaa fedhii daldalaa Itoophiyaa dabalaa dhufe guutuuf, biyyoota ollaa waliin waliigaltee itti fayyadama buufata doonii walqixxummaafi bu’aa waloo irratti hundaa’e raawwachuuf hojjetamaa jira.
Tarsiimoon dippilomaasii ollaa irratti xiyyeeffate kun bu’aa siyaasaa yeroo gabaabaa irratti kan hundaa’e osoo hin taane, dhaloota dhufuuf bu’uura obbolummaa cimaa kaa’uuf kan akeekameedha.
Tarsiimoon kun Itoophiyaan naannawicha keessatti utubaa nageenyaa fi giddu gala daldalaa taatee akka itti fuftu kan dandeessisu yoo ta’u, Itoophiyaa qofaaf osoo hin taane Baha Afrikaa guutuuf wabii badhaadhinaa ta’uu danda’aan imalli eegalame abdatameera.
Kunis yaada hariiroo idil-addunyaa “Nagaan dinagdee irratti hundaa’e” bu’uura waa maraati jedhu hojiirra kan oolchuudha.

Biyyoonni bu’uuraalee misoomaa waliin yoo qooddatan, waraanni gama lameenirratti miidhaa dinagdee guddaa akka fidu cimsanii waan hubataniif nageenya filachuun dirqama ta’a.Haa ta’u malee, imalli kun qormaata ni qaba.Keessattuu tasgabbii dhabuu siyaasaa, hanqina maallaqaa fi dhiibbaan humnoota alaa rakkoo ta’uu akka danda’u ni tilmaamama.
Garuu koridariin dinagdee bu’aa waloo uumu yoo dagaage, faayidaan uummanni argatu tarsiimoo kanaaf bu’uura cimaa ta’ee tajaajila.
Itoophiyaan nageenya naannawaa misooma waliin walitti hidhuun, humna ishee giddu gala humna ibsaa, daldalaa fi geejjibaa ta’uu qabdu fayyadamuun, hiree fuulduraa Baha Afrikaa haala haaraan bocaa jirti.
Karaan kunis jijjiirama dippilomaasii biyyoota Afrikaa biroof fakkeenya ta’uu kan danda’uudha.
Iddoosaa Abdiitiin qindaa’e