AMN fi Paarkiin Indaastirii Galaan Gurraa waliigaltee hojii waloon hojjechuuf dandeessisu waliif mallatteessan

You are currently viewing AMN fi Paarkiin Indaastirii Galaan Gurraa waliigaltee hojii waloon hojjechuuf dandeessisu waliif mallatteessan

AMN PLUS – Waxabajjii 23/2018

Addis Miidiyaa Neetwoorki (AMN) fi Paarkiin Indaastirii Galaan Gurraa waliigaltee hojii waloon hojjechuuf dandeessisu waliif mallatteessaniiru.

Waliigaltee kana Itti Aanaa Hoji Raawwachiisaa Olaanaa AMN fi Itti Gaafatamaan Damee Televiizhinii Obbo Xilaahun Kaasaa akkasumas Hoji Raawwachiisaa Damee Invastimantii, Beeksisaafi Gabaa Paarkii Indaastirii Galaan Gurraa Obbo Zaman Juunedii waliif mallatteessaniiru.

Obbo Xilaahun Kaasaan wayita kana Paarkiin Indaastirii Galaan Gurraa paarkiiwwan indaastirii guguddoo Finfinnee keessatti argaman keessaa tokko ta’uu himanii, guddina dinagdee biyyattii fi carraa hojii uumuu keessatti gahee olaanaa qabaachuu ibsaniiru.

AMN’n oomishaalee warshaaleen paarkicha “Itoophiyaatti kan Oomishame” jedhuun oomishan sadarkaa idil-addunyaatti akka dorgomaa ta’anii fi gabaa irratti fudhatamummaan isaanii akka dabaluuf paarkicha waliin tumsaan hojjechuuf qophii ta’uu beeksisaniiru.

Hoji Raawwachiisaan Damee Invastimantii, Beeksisaafi Gabaa Paarkii Indaastirii Galaan Gurraa Obbo Zaman Juuneedii gama isaaniin indaastiriiwwan Paarkii Galaan Gurraa keessatti hojii jalqaban oomisha isaanii gara biyyoota Afrikaa garaagaraatti erguu jalqabuu ibsaniiru.

Akkasumas, qulqullinaa fi dorgomtummaa oomisha warshaalee paarkicha keessa jiran gabaa addunyaatti beeksisuufi carraa invastimantii jiru agarsiisuu milkeessuuf AMN waliin tumsaan hojjechuuf murteessuus Obbo Zaman ibsaniiru.

Paarkiin Indaastirii Galaan Gurraa lafa hektaara 93 irratti kan ijaarame yoo ta’u, bu’uuraalee misoomaa ammayyaa guutuu paarkii indaastirii qabudha.

Gabaasni kan Kaasaahun Andu’aalam

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply