AMN PLUS- Waxabajjii 24/2018
Itoophiyaan biyya kennaa uumamaa fi seenaa addaa qabdu osoo taatee jirtuu maqa-balleessiin kan itti heddummate waan koloniin bituu dadhabaniif ta’uu Ministirri Muummee FDRI Abiyyi Ahimad (PhD) himan.
Dooktar Abiyyi Ahimad turtii Addaa dhimma Turizimii ilaalchisee taasisaniin, addunyaa irratti damee galii doolaara Tiriiliyoona 12 ol maddisiisu kanarraa Itoophiyaan gaheeshee qooddachuu feeti jedhan.
Kanaafis misooma damee kanaa guddisuun kan barbaachise kan jedhan Dr. Abiyyi, lammiileen damee kanaan carraa hojii bal’aan akka argataniif karra saaqnee, bifa biyyaa waantota gara garaan badee ture sirreessuuf ifaajaa jirra jedhan.
Addunyaan hafe har’allee Itoophiyaa maqaa beelaafi rakkinaan akka kaasuuf maqa-balleessiin guddaan irratti hojjetamuu eeran.

Maqa-balleessiin kun shallaggii yeroo dheeraatiin ta’uu kan eeran Dr. Abiyyi, beelli sun as qofaatti waan mudateef hiikkoo jechootaa (dictionary) keessa galchaan osoo hin taane, Itoophiyaan biyya Afriikaa hin koloneeffatamne takkicha waan taateef ta’uu himan.
“Nuun bitamuu dhabuunshee caalmaan akka miidhamtu taasise, biyyi nuun hin hogganamne hin misoomu” seenessa jedhu warri Lixaa babal’ifachuu waan fedhaniif maqa-balleessii waggoota dheeraafi fayyadaman jedhan.
Kufaatii Itoophiyaa arbeessanii warri labsanis, yaadama ‘warri nuun bitaman sadarkaa gaariirra waan jiraniif kolonii kana amanaa fudhadhaa’ isa jedhu warra kaaniif ergaa dabarsuuf ta’uullee ibsaniiru.
Maqaa kana jijjiiruuf afaaniin yoo dubbatte namni waan si hin dhageenyeef, hojjettee nama harkisuun dhufee ilaalee akka amanu taasisuun dirqama jedhan.
Yeroo ammaa maqaan boquu nu cabsu hedduun haqamaa jiraachuu kan ibsan Dooktar Abiyyi, Turizimiin diinagdees utubaa, maqaa biyyaas ijaaraa akka itti fufuuf ni hojjetama jedhaniiru.
Tagany Bafiqaaduutiin Qindaa’e