Yaa’iiwwan Idil-addunyaa qopheessuu danda’uun guddina damee turizimii Itoophiyaaf bu’uura guddaa kaa’a – MM Abiyyi Ahimad (PhD)

You are currently viewing Yaa’iiwwan Idil-addunyaa qopheessuu danda’uun guddina damee turizimii Itoophiyaaf bu’uura guddaa kaa’a – MM Abiyyi Ahimad (PhD)

AMN PLUS – Waxabajjii 24/2018

Ministirri Muummee FDRI Abiyyi Ahimad (PhD) bara kana konfiraansii turizimii idil-addunyaa fi daawwattoota biyya alaarraa gara biyya keenyaa dhufanirraa galiin Doolaara Ameerikaa Biliyoona 5.2 ol argamuu ibsan.

Kunis taateewwan idil-addunyaa qopheessuu danda’uun guddina damee turizimii Itoophiyaaf bu’uura guddaa akka kaa’u ibsaniiru.

Waggaa kana keessa qofa Itoophiyaan yaa’iiwwan idil-addunyaa 200 caalan akka keessummeessite kan kaasan Dooktar Abiyyi, tajaajila hoteelaatiin alattis gama turizimiitiin bu’aan guddaan akka irraa argame eeraniiru.

Ministirri Muummee Dooktar Abiyyi Ahimad turtii NBC Itoophiyaa waliin dhimmaa turizimii irratti taasisaniin, falaasama ida’amuutiin imaammata dinagdee damee hedduu irratti xiyyeeffannoo taasifameen dameen turizimii akkuma qonnaa fi indaastirii bu’aa guddaa argamsiisaa akka jiru ibsaniiru.

Bara kana turistootni biyya alaa Miliyoona 1.4 ol ta’an Itoophiyaa kan daawwatan yoo ta’u kunis kan bara dabreetiin wal bira qabamee yoo ilaalamu caalmaa guddaan akka argames eeraniiru.

Yaa’iiwwan idil-addunyaa fi turistoota biyya alaa irraa waliigalaan galiin sharafa alaa Doolaara Ameerikaa Biliyoona 5.2 ol akka argame kan himan Ministirri Muummee, kunis dameen turizimii bu’aa qabatamaa fidaa akka jiru kan agarsiisu ta’u dubbataniiru.

Hirmaattonni Yaa’ii Gamtaa Afrikaa waggaa waggaadhaan dabalaa akka dhufan himuun bara kana qofa namoonni Kuma 166 hirmaachuu isaaniis ibsaniiru.

Hirmaattonni yaa’iiwwan adda addaa Finfinneetti taasifamu irratti hirmaatanis yeroo argatanitti fayyadamuun gareedhaan bakka gahumsa turistii daawwachaa akka turanifi fedhiin daawwannaa turistootaas akka dabale ifoomsaniiru.

Shuumii Badhaasootiin qindaa’e

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply