Misoomni iddoowwan hawwata turizimii babal’isuu Finfinnee fakkeenya taasifachuun eegalame biyya waliin gahe

You are currently viewing Misoomni iddoowwan hawwata turizimii babal’isuu Finfinnee fakkeenya taasifachuun eegalame biyya waliin gahe

AMN PLUS – Waxabajjii 24/2018

Biyyoonni addunyaa hedduun damee turizimiitiif xiyyeeffannoo addaa kennuun waggaa waggaatti doolaara Biliyoona hedduu guddina dinagdee isaaniif gumaachaa jiru.

Turizimiin boba’aafi keemikaalotatti aanee akkasumas oomishaalee nyaataa fi konkolaataa caaluun daldala alaa gabaa addunyaa keessaa damee sektara guddaa sadarkaa 3ffaarra jiru tahuu ragaaleen garaagaraa ni mul’isu.

Biyyoonni akka Ameerikaa, Ispeen, Faransaay, Xaaliyaanii fi Emireetota Arabaa Gamtoomanii qabeenya aadaa, seenaa, qarqara laggeeniifi galaanotaa, iddoowwan bashannanaa, paarkiiwwan biyyaalessaa beekamoo, turizimii magaalaafi daldalaa, ijaarsota seena qabeeyyii, aadaa nyaataa, gamoowwan dhedheeroo fi odola namtolchee akkasumas jireenya ammayyaa jiraachuuf carraaqqii taasisaniin milkaa’uun har’a galii turizimii guddaa argatu.

Sababni guddaan biyyoonni kunneen damee kana irraa fayyadamoo ta’uu danda’aniif xiyyeeffannoo turizimiif kennan qofa osoo hin taane, bu’uuraalee misoomaa tajaajila geejjibaaf mijatoo babal’isuu dabalatee maqaa gaarii biyyaa ijaaruu isaaniiti.

Itoophiyaa dabalatee biyyoonni Afrikaa hedduun qabeenya aadaa fi uumamaa bal’aa qabaatanis, bu’uuraalee misoomaa turizimiif barbaachisan ijaaruu dhabuu isaanii irraa kan ka’e, galii damee kana irraa argamuu qabuun guutummaatti fayyadamoo ta’uu hin dandeenye.

Keessumaa Itoophiyaan seenaa, aadaa fi qabeenya uumamaatiin badhaatu taatus, qabeenyi turizimii ishee waggoota dheeraaf dagatamee turuun galii guddaa biyyattiif argamsiisuu hin dandeenye.

Haata’uti barii jijjiirama as keessattuu yaadama mootummaa Ida’amuutiin damee turizimii guddisuuf hojii cimaa hojjetameen iddoowwan turizimii hedduun ijaaramuun tajaajilaaf banaa ta’aniiru.

Misoomni iddoowwan turizimii haaraa kunniin Masaraa Mootummaa Biyyaalessaa Daalattii (Araat Kiiloo) irraa jalqabamee Finfinnee akka fakkeenyaatti fudhachuun imalli itti fufuun hojiilee akka maaddiin biyyaaf, maaddiin dhalootaaf jedhuufi kanneen birootiin gara guutuu biyyaatti babal’achuun har’i kaleessa akka hin taane qabatamaan mul’iseera.

Itoophiyaan galii damee turizimiirraa argattu guddisuuf misooma iddoowwan hawwata turizimii cimsuu qofa osoo hin taane, turistootni bakkeewwan tajaajilaaf banaa tahan biyyattiin qabdu akka daawwatan hojii beeksisuun walqabatee maqaa gaarii biyyaa ijaaruuf mootummaan hojiilee hedduu hojjechaa jira.

Iddoosaa Abdiitiin

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply