Turizimii fi Carraa Hojii:- Turtii MM Abiyyi Ahimad (PhD)

You are currently viewing Turizimii fi Carraa Hojii:- Turtii MM Abiyyi Ahimad (PhD)

AMN PLUS – Waxabajjii 24/2018

Ministirri Muummee Dooktar Abiyyi Ahimad turtii NBC Itoophiyaa waliin dhimmoota tuurizimii biyyatti ilaalchisuun taasisaniin dameen turizimii carraa hojii uumuu keessatti shoora olaanaa akka qabu ibsan.

Itoophiyaa keessa rakkoon carraa hojii uumuu olaanaan akka jiru kaasuun, dameen turizimii carraa hojii uumuu keessatti gahee olaanaa qabu irratti hojjechuun rakkoo kanas furun akka danda’amu akeekaniiru.

Dameen turizimii Itoophiyaa hojii bal’aa akka barbaadu kan ibsan Ministirri Muummee, bakka gahumsa qabeenya turizimii biyyatti irratti hojjechuun carraa hojiif fala kaa’u caalaa qabeenya guddaallee irraa argachuun akka danda’amus dubbataniiru.

Addunyaarra waggaatti namootni Miliyoona 370 ol damee turizimiin carraa hojii akka argatan kan dubbatan Dooktar Abiyyi, Itoophiyaanis qabeenya turizimii irratti hojjechuun hamma tokko kan qooddattu yoo ta’e haala biyyatti jijjiiru akka malus himaniiru.

Ammas akka biyyatti waggaatti 10.9 % carraan hojii kan argamu damee turizimii irra akka ta’e ibsuun, damee kana irratti caalmaatti kan hojjetamu yoo ta’e milkaa’inni guddan akka dhufus akeekaniiru.

Dameen turizimii carraa hojii uumuu keessatti kallattii fi al-kallattiin gumaachi isaa olaanaa ta’uu kan kaasaan Dooktar Abiyyi, turistootni daawwannaaf dhufan tajaajila hoteelaa irraa eegalee hanga qabeenya biyya keessatti oomishamu bitatanitti sharafni isaan baasan galii guddisuun alattis sektara hunda keessatti carraa hojii akka bal’isu kan agarsiisu akka ta’es eeraniiru.

Kanaaf damee turizimii kana caalmaatti guddisuuf akkuma jalqabamee bakka gahumsa turizimii babal’isuun qabeenya turizimii biyyi qabdutti haalaan fayyadamuun akka barbaachisullee Dooktar Abiyyi dhaamaniiru.

Shuumii Badhaasootiin qindaa’e

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply