Itoophiyaan durirraa eegaltee turizimiin beekamtuudha garuu haalli mijataan ammoo hin turre – MM Abiyyi Ahimad

You are currently viewing Itoophiyaan durirraa eegaltee turizimiin beekamtuudha garuu haalli mijataan ammoo hin turre – MM Abiyyi Ahimad

AMN PLUS – Waxabajjii 24/2018

Ministirri Muummee FDRI Abiyyi Ahimad (PhD) Itoophiyaan durdurirraa eegaltee damee turizimiin beekamtuudha garuu haalli mijataan ammoo hin turre jedhan.

Dooktar Abiyyi turtii NBC Itoophiyaa waliin taasisaniin Itoophiyaan qabeenya dilbii tahe damee turizimiin qabaachuu kaasuun garuu seenaa keessatti kan ture rakkoon guddaan damichaa sonni itti dabalamee gabaaf hin oolle jedhan.

Itoophiyaa iddoowwan garaagaraa qabeenyi turizimii gurguddaan jiraachuu kaasuun akka fakkeenyaatti kan Baaleefi Jimma jiru qofaatti madda galii guddaa tahuu akka danda’u Dooktar Abiyyi kaasaniiru.

Fakkeenyaaf naannawaa Baalee seenaan kan dhugaa bahu haalli teessumma lafa isaa kennaa uumamaan badhaadhe yoo tahu turistootni garas imalaa turan ammoo haala mijataa osoo hin argatiin turuu kan akeekan Dooktar Abiyyi bultii keessa ofuma isaanii haala mijataa keessattuu bakka bultii turistoosaa mijeessuuf gara hojjechuutti seenuu ibsaniiru.

Gara Jimmaas yoo fudhanne Buna Xiriinyii dabalatee waantootni daldalaaf oolan seenaan kan ol gudunfee biroo hedduun turus yaadachiisaniiru.

Kun hundi walitti ida’amee Itoophiyaan bakkeewwan muraasa kaafaman dabalatee seenaa keessatti damee turizimiin qabeenya gahaa qabaachuu kaasuun garuu xiyyeeffannoo akka hin argatiin turan Dooktar Abiyyi hubachiisaniiru.

Keessattuu malootni dur mootiin Abbaa Jifaar daldaltoota biyyoota Arabaarraa gara Jimmaa imalan itti qabachaa turan na ajaa’ibu kan jedhan Dooktar Abiyyi aadaa ittiin turistoota gara biyyaatti madaqsuuf qabnu cimuu akka qabu kan kaleessaarraa barachuun barbaachiisaa tahuu hubachiisaniiru.

Damee turizimii qabeenya dilbii guddaa kanaaf xiyyeeffannoo kennuun hojjechaa jirra kan jedhan Ministirri Muummee Dooktar Abiyyi Ahimad seenaa kaleessa sektarichaan ture isa fayyaduu gundafachaa, kan jijjiiramuu qabu ammoo sona isaa fooyyessaa deemuun haala mijataa uumaa jirra jechuun dubbataniiru.

Iddoosaa Abdiitiin qindaa’e

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply