Kitaabni “Ida’amuu” Gara Afaan Chaayinaatti Hiikamaa Jira

You are currently viewing Kitaabni “Ida’amuu” Gara Afaan Chaayinaatti Hiikamaa Jira

AMN PLUS – Waxabajjii 24/2018

Bara 2010 jijjiirama biyyaalessaa Itoophiyaatti dhufe hordofuun, akka kallattii imala Itoophiyaa tajaajiluuf Ministira Muummee Abiyyi Ahimad (PhD)’n kan barraa’e kitaabni “Ida’amuu” gara Afaan Chaayinaatti hiikamaa jira.

Kitaabichi yeroo dhiyootti guutummaatti xumuramee dubbistootaaf akka dhiyaatu mirkanaa’eera.

Waggoota kudhan darban keessatti falaasama biyya keessaa Afrikaa keessaa maddee sadarkaa addunyaatti beekamtii argatan muraasa keessaa adda duree kan ta’e “Ida’amuun”, yeroo ammaa namoota hedduuf mata duree xiyyeeffannaa guddaa ta’aa dhufeera.

Kanaan dura kitaabichi Afaan Amaaraa, Afaan Oromoo, Afaan Ingiliffaa, Afaan Arabaa fi Afaan Urduu (Paakistaan)tti hiikamee dubbistootaaf dhiyaachuun isaa ni yaadatama.

Amma immoo afaan namoota biliyoonaan lakkaa’aman dubbatan, jechuunis Afaan Chaayinaatti hiikamuun isaa sadarkaa dhumaa irra ga’eera.

Kitaabni “Ida’amuu” gara Afaan Chaayinaatti hiikamuun isaa fi Chaayinaa, biyyoota madaala aangoo addunyaa keessaa tokko taate, keessatti xiyyeeffannaa argachuun isaa hojii hiikkaa qofa osoo hin taane hiika tarsiimoo fi siyaasaa bal’aa qaba.

Chaayinaan seenaa falaasama siyaasaa cimaa qabdu, yeroo Ma’oo Zeedong irraa kaasee hanga Deeng Shiyaa’opiing, akkasumas yeroo ammaa hanga Pirezidaantii Shi Jiinpiingtti sirna yaadaa cimaa itti fufte keessatti, “Ida’amuu” afaan ofii isheetti karaa idileetiin hiikuun ishee, Itoophiyaan falaasama addunyaa irratti dhiibbaa uumuu fi xiyyeeffannaa argachuu danda’u mirkaneessa.

Kunis Itoophiyaan yeroo dheeraaf yaad-rimeewwan alaa akka Kaappitaaliizimii fi Sooshaaliizimii simachaa turte irraa gara falaasama mataa ishee addunyaaf dhiyeessituutti ce’uu ishee agarsiisa guddaadha.

Hiikni kitaabichaa Afrikaa, Baha Giddugaleessaa Afaan Arabaatiin, Kibba Eeshiyaa Afaan Urduutiin, akkasumas amma Baha Eeshiyaa Afaan Chaayinaatiin akka qaqqabu taasisa.

Kunis falaasamni “Ida’amuu” lafa Itoophiyaa keessatti dhalate daangaa biyyattii qaxxaamuree ardiiwwanii fi aadaalee garaagaraa walitti dhiyeessuu fi walitti hidhuuf humna dipilomaasii guddaa akka qabu ifatti kan agarsiisu ta’uu isaa odeeffannoon Paartii Badhaadhinaa irraa argame ni mul’isa.

Hiikkaa Afaan Chaayinaa kitaaba “Ida’amuu” yeroo dhiyootti eegaa!

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply