AMN PLUS – Waxabajjii 25/2018
Daandiin Qilleensa Itoophiyaa Balalii Qilleensaa Gara Magaalaa Faransaay Liyoonitti taasisuu jalqabeera.
Daandichi sagantaan jalqabsiisa balallii gara Liyoonitti taasifamuu Magaalaa Finfinnee Hoteela Iskaayi Laayititti gaggeesseera.
Sirna jalqabbii balallii kana ilaalchisee Miidiyaaleef ibsa kan laatan Hoji Raawwachiisaa Olaanaan Garee Daandii Qilleensaa Itoophiyaa Obbo Masfiin Xaasoo, Daandichi hojii iddoo gahumsaa baballisuufi humna balallii isaa babal’isuun hojjachuu cimsee itti fufuu ibsaniiru.

Kanaaniifiis, Daandiin Qilleensaa Itoophiyaa Buufata Xiyyaaraa Idil addunyaa Bishooftuu Afrikaarraa guddaa taheefi waggaatti Imaltoota Miliyoona 25 keessummeessuu danda’u ijaaraa jiraachuu himaniiru.
Ijaarsichi yeroo xumurameetti humna Daandii Qilleensichaa sadarkaa Olaanaatti kan guddisuufi addunyaarratti baay’ee dorgomaa kan taasisu tahuu dubbataniiru.

Balalliin gara Faransaay magaalaa Liyoonitti taasifamuu eegale kun, Sochii Daldalaa, Turiziimii fi Invastimantii dura ture caalmaatti kan saffisiisu tahuus Obbo Masfin himaniiru.
Itoophiyatti Ambaasaddaarri Faransaay Ambaasaaddar Aleeksis Laameek, Daandiin Qilleensaa Itoophiyaa balallii gara Faransaay magaalaa Liyoonitti taasisu jalqabuun faayidaa dinagdeetiin cinaatti, hariiroo biyyoota lameenii cimsuu keessatti shoora olaanaa kan qabu tahuu dubbataniiru.
Gabaasni kan Mahaammad Toofiq