AMN PLUS- Waxabajjii 25/2018
Baankiin Daldalaa Itoophiyaa bara baajataa kana bu’aa Birrii Biiliyoona 80 argachuu beeksiseera.
Pirezidaantiin baankichaa obbo Abbee Saannoon raawwii bara baajataa 2025/26 ilaalchisee miidiyaaleef ibsa kennaniiru.
Dameewwan garaagaraan Liqaan Birrii biiliyoonni 600 fi biiliyoonni 48 ol kennamuu ibsan.
Kuufamni maallaqaa baankichaa Birrii Tiriliyoona 2.4 gahuu dubbachuun, bara kana bu’aan Birriin biiliyoonni 80 argamuu himan.

Daldala Alaarraa Doolaarri biiliyoonni 2.1 argamuu kaasuun, waliigala waggaa lamatti sharafni alaa Doolaarri biiliyoonni 5.6 argamuu ibsaniiru.
Baankichi bara dhufu maallaqa taa’u Birrii biiliyoona 800 fi biiliyoona 32 walitti qabuuf, akkasuma galii isaa Birrii biiliyoona 300 fi biiliyoona 60 qaqqabsiisuuf karoorfachuu ibsan.
Baankichi waggaa 6 dura liqaa % 90 dhaabbilee mootummaaf kennaa kan ture ta’uu himuun, bara kana garuu % 90 dhaabbilee dhuunfaaf kennuu eeran.