AMN PLUS – Waxabajjii 25/2018
Ministirri Muummee FDRI Abiyyi Ahimad (PhD) dameen turizimii qabeenya dilbii Itoophiyaan qabdu hedduu keessaa tokko tahu ibsan.
Dooktar Abiyyi dhimma turizimiirratti xiyyeeffachuun turtii NBC Itoophiyaa waliin taasisaniin kennaa uumamaa uumaan nu badhaaseetti osoo sirnaan dhimma baanee biyyoota addunyaa kamiyyuu waliin dorgomuu ni dandeenya jedhaniiru.

Mootummaan hojii iddoowwan hawwata turizimii misoomsuun walqabatee hojjechaa jiruun bu’a qabeessa tahuu kan kaasan Dooktar Abiyyi garuu baay’een keenya lammiileen biyyatti iddoowwan hawwata turizimii qabnu sirriitti adda baasnee beekuurratti baay’ee nu hafaa jedhaniiru.
Iddoowwan hawwata turizimii qabnu qaama seenaa biyya keenyaatti jechuun kan ibsan Ministirri Muummee yoo ofii keenyaa daawwachuun beekuu hin barbaadnellee dhala keenya qixa sirriin hubachiisuun nurra jiraataan kaasaniiru.
Siyaasaafi misooma adda baasnee ilaaluun tokko tokkoo keenyarraa eegamaas kan hubachiisan Dooktar Abiyyi mootummaan, siyaasni, namni dhuunfaan nutti toluu dhiisuu mala biyyi garuu filannoof kan dhiyaattu miti, biyyi biyyuma jijjiiramuu hin dandeessu jedhaniiru.

Ilaalchi keenya hanga hin jijjiiramneetti nutis jijjiiramuu hin dandeenyullee kan yaadachiisan Ministirri Muummee Dooktar Abiyyi hanga kun hin jijjiiramneetti biyyi eessayyuu gahuu hin dandeessuus kaasaniiru.
Kanaaf qabeenya dilbii uumaan uumamaan nu badhaaseetti fayyadamuuf hojjechuu, jijjiiramuu, ilaalcha keenya sirreeffachuu, qajeelummaa yaaduufi bakka waloon dhaabbachuun nurra jiraatuutti walooma calaqqisiisuun hanguma baay’ina qabnu, humna dargaggoota oomishuu danda’anii qabnu hojiirra oolchuun bu’uura daandii jijjiirama milkaa’inaan qajeeluun nurra jiraatan yaada isaanii gudunfaniiru.
Iddoosaa Abdiitiin