Itoophiyaafi Sudaan Kibbaa marii daldala daangaa ce’aa bu’a-qabeessa taasisuu bu’uureeffate gaggeessan

You are currently viewing Itoophiyaafi Sudaan Kibbaa marii daldala daangaa ce’aa bu’a-qabeessa taasisuu bu’uureeffate gaggeessan

AMN PLUS – Waxabajjii 25/2018

Ministirri Daldalaa fi Walitti Hidhamiinsa Naannawaa Kaasaahun Goofee (PhD), Bulchaa Olaanaa Bulchiinsa Addaa ‘Greater Pibor’ Sudaan Kibbaa, Booyooy Goolaa waliin marii hariiroo daldalaa biyyoota lameenii cimsuu, nageenya daangaa fooyyessuufi hojii daldala daangaa ce’aa bu’a-qabeessa taasisu bu’uureffate gaggeessaniiru.

Maricharratti Dooktar Kaasaahun Itoophiyaafi Sudaan Kibbaa biyyoota ollaa hariiroo obbolummaafi michummaa bara dheeraa qaban tahu ibsuun hariiroon gamlamee biyyoota lameenii damee dinagdeefi daldalaan carraa jiru ammayyuu guutummaatti fayyadamuun akka hafuu akeekuun carraan jiru bu’aa qabatamaa hawaasa daangaa biyyoota lameeniirratti argamuuf haala mijataa uumuu akka qabu hubachiisaniiru.

Ministirichi itti dabaluun gama lameenii pirootokoolii daldala daangaa ce’aa hojii irra oolchuuf walta’iinsa cimaa qabaachuun murteessaa tahuu irratti mariin bu’a qabeessa tahe gaggeeffamu ibsaniiru.

Mootummaan Itoophiyaa waliigalticha sirnaan hojii irra oolchuuf kutannoo guutuu akka qabu kan mirkaneessan Dooktar Kaasaahun tarkaanfiiwwan seeraafi bulchiinsaa barbaachisan hunda fudhachuun hawaasni gama lameenii daangaa Itoophiyaafi Sudaan Kibbaarra jiru tajaajilaa fi carraa isaaf malu akka argatu ni hojjetama jedhaniiru.

Gama biroon daldala seeraan alaa daangaa qaxxaamuru hojiin ittisuun gara daldala seera qabeessaatti fiduufi biyyoota lameeniif bu’aa waloo galmeessuutti ce’uuf hojiin barbaachisaa ta’uu ibsaniiru.

Sochiin daldalaa seera qabeessi yoo sirnaan diriire iftoomina ni guddataa, galiin mootummaa ni dabala, akkasumas jireenya hawaasa naannawaa daangaa fooyyessuuf shoora olaanaa akka qabaatu hubachiisaniiru.

Maricharratti qooda kan fudhatan Bulchaan Olaanaa Bulchiinsa Addaa ‘Greater Pibor’ Sudaan Kibbaa, Booyooy Goolaa gama isaaniin walta’iinsa cimsuun barbaachisaa ta’uu eeruun qaamoleen lameen hojiiwwan badhaadhina waloo fi tasgabbii naannawaa guddisan irratti xiyyeeffachuun murteessaa tahuu waliif galuun isaanii Imbaasiin Itoophiyaa Jubaatti argamu ibsameera.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply