AMN PLUS – Waxabajjii 25/2018
Itoophiyaan seenaa keessatti boqonnaa marii haaraa, hammataa fi tarsiimawaa ta’erratti akka argamtu Tajaajilli Komunikeeshinii Mootummaa ifoomse.
Carraan seena qabeessi kunis garaagarummaa caasaa fi siyaasa keessoo barootaaf turan hirmaannaa hawaasaa bal’aan furuuf waltajjii marii bilchaataa irratti waliigaltee biyyaalessaa waloo ijaaruuf dandeessisu akka ta’es ibsameera.
Aadaa siyaasaa baroota dheeraaf lola keessoofi wal dhabdee adda addaan laafee ture jijjiiruun mul’ata hammattummaa fi waliigaltee biyyaalessaa bu’uura birmadummaafi badhaadhinaa taasifate hojiirra oolchaa akka jirus akeekameera.
Yeroo ammaa kanas mariin biyyaalessaa Itoophiyaa dhimma filannoo utuu hin taane, dirqama seenaa biyya cimtuu, birmadummaa qabduu fi fi nageenyi ishee tasgabbaa’e ijaaruuf kan dandeessisu akka ta’es eerameera.
Biyya heddumminni aadaa fi ilaalchonni siyaasaa baay’een keessa jiru kan akka Itoophiyaa keessatti yaada qaama tokko qofa keessummessuu osoo hin taanee marii biyyaalessaan yaadota huddu keessummessutu falas jedhameera.
Ajandaaleen marii gurguddoon Koomishiniin Marii Biyyaalessaa Itoophiyaa ifoomse saddeettanis sagalee, abdiiwwan fi mul’ata gara fuulduraa lammiilee Itoophiyaa calaqqisiisanii fi kutaalee biyyattii hundaarraa hawaasaa kan walitti qabe akka ta’es kaafameera.
Milkaa’inni fi adeemsi hojiitti hiikamuu ajandaalee kanneenii qooda gama tokkoo qofa osoo hin taane, hirmaannaa gaarii fi dammaqina lammiilee Itoophiyaa hundaa kan gaafatu akka ta’es ibsameera.
Paartileen siyaasaa, dhaabbileen hawaasa siivilii, dhaabbileen amantaa, dargaggoonni, dubartoonni, hayyoonni fi dhaabbileen kanneen biroos adeemsa seena-qabeessa kanaa milkeessuuf qooda murteessaa akka qabanis ifoomeera.
Adeemsi kun ijaarsa sirna diimokiraasii Itoophiyaan taasisaa jirtu kan cimsuu dhaloota dhufuuf biyya nagaa, wal-amantaa fi waliin hojjachuun danda’amu ijaaruu keessatti gumaacha guddaa kan qabu akka ta’es ibsameera.
Carraa kana ogummaan fayyadamuun carraa egeree biyyatti tokkummaan murteessuun akka barbaachisu eeruun, adeemsa marii biyyaalessaa gufachiisuuf yaadawwan diigumsaa ajandaalee kanneeniin ala socho’an dura cichoominaan dhaabachuun, waliif dhagahuu fi waliigalteef dursa kennuun, adeemsa ijaarsa sirna mootummaa keessatti Ashaaraa gaarii kaa’uun dirqama lammiilee hundaas akka ta’e Tajaajilli Kominikeeshinii Mootummaa ifoomseera.