
AMN PLUS – Waxabajjii 26/2018
Ajajaan Olaanaan Ajaja Duula Addaa Leetenal Jeneraal Shumaa Abdataa, Itoophiyaan qormaatilee ishee mudatan keessa kutannoon kan ishee ceesisan gootota bakka buutota horachaa jirti jedhan.
Leetanal Jeneraal Shuumaan Giddu Gala Leenjii Ajaja Duula Addaa Bilaatteetti argamuun, haala leenjii leenjitoota koorsii ‘Tsinaat’ 45ffaa fi ijaarsa bu’uuraalee misoomaa daawwataniiru.
Daawwannaa isaaniitiin ajajichi zoonota duulaa hundatti nageenya uummataa mirkaneessuu, pirojeektota gurguddoo eeguu fi gareewwan fiinxaleeyyiifi Shanee irratti tarkaanfii fudhatuun bu’aa qabatamaa galmeessisaa jiraachuu dubbataniiru.
Ajajichi amala uummataa uffatee fi teeknoloojiidhaan dabaalamee bakka duulaa bobba’e hundatti nageenya biyyaa mirkaneessuu keessatti shoora olaanaa taphachaa jiras jedhan.

Leenjitootni bakka buutota ta’uu hubachuun koorsicha xiiqii , gootummaa, jabinnaa fi ciminaan hordofuu akka qaban hubachiisuu isaanii odeeffannoon miidiyaan onlaayinii Ittisaa AMN Dijitaaliif ergee ibseera.
Ajajaa Itti Aanaan Ajajichaa Meejer Jeneraal Ababaawu Sa’iid gama isaaniin, ajajichi qormaatni kamiyyuu osoo isa hin jilbeenfachisiin seenaa gootummaa boonsaa hojjechaa jiraachuu ibsuun, leenjitootni amanamummaa kana itti fufsiisuuf qophaa’uu akka qaban dhaamaniiru.