AMN PLUS – Waxabajjii 26/2018
Imala daqiiqaa 90 hanga 120 tokko deebisee manatti galchu, isa biroo ammoo kabajaan achi dabarsu, dhimmichi dhimma Poorchugaaliifi Kirooshiyaa duuba ajandaa guddaa kan Kiristaanoo Ronaaldoo Doo Saantoos Aviyeer -CR7 fi Lukaa Moodirich tahuun qabameera.
CR7 ganna 41 keessa jira.Moodirich ammoo marsaa gadaa abbaasaa kan dhaqqabe nama ganna 40ti.
Lamaanuu tapha waancaa addunyaarratti hiriiruun biyya isaaniif kan dhaabbatan bara faranjootaa 2006 ture. Ergasii as keessaa hin oolle, ijibbaata kubbaa miilaaf kufan ka’uun maqaa gahumsaan dabaalame horataniiru.

Badhaasa Baal’andooriillee kan manaa qaban jarri lameen Kiristaanoo Ronaaldoofi Lukaa Moodirich hiriyyummaan mana warra Loozbilaankotaa Riyaal Maadirid keessatti waliin dabarsanillee addunyaa biroo iccitii jireenyaa taphattoota maqaa, gahumsaafi naamusa qaban kennanniiti.
Taphoota inteernaashinaalaan biyya isaaniif hiriiruun 200 irra kan qariisisan taphattootni urjii addunyaa kunniin lameen Ronaaldoon tapha 232ffaa Poorchugaaliif yoo hiriiruu, Lukaa Moodirich ammoo yeroo 202ffaaf hiriira jechuudha.
Beellamni tapha mo’atan darbuu waancaa addunyaa 2026 har’a halkan sa’atii 8:00 irraa eegalu Ronaaldoofis tahu Moodirichiif shubbisa xumuraa umriin dirree kubbaa miilaa keessaa isaan gaggeessuuf deemuuti.

Dubbichi dirqama kubbaa miilaa tahee lameenii isaanii miira walfakkaataa qooddachuu hin danda’an. Tokko yoo shubbisu, inni biroo ammoo boo’ee imimmaan lakkuu lakkuun gaggeeffamuun waan hin oolle tahuu hawaasni ispoortii addunyaa kubbaa miilaa quba qaba.
Kiristaanoo Ronaaldoo moo Lukaa Moodirichiituu shubbisa xumuraa addunyaa kubbaa miilaa shubbisa laata?
Waan garaa nama nyaatu, dhumarratti tokko isa biroo ofitti qabee jajjabeessuun dubbii hin oolle! Eenyu laata kan kolfu? Hiree kubbaa miilaa tahee CR7 fi Moodirich bakkaafi yeroo hin taaneetti walitti dhufan!
Iddoosaa Abdiitiin