AMN PLUS – Waxabajjii 26/2018
AbbaanTaayitaa Eegumsa Bosonaafi Bineensota Bosonaa Itoophiyaa Inistitiyuutii Ispees Saayinsii fi Gi’oospaashaalii waliin ta’uun Mosaajii “Interactive Web platform” fi Atlaasii dahoowwan Bosonaafi Bineensota Bosonaa eegumsaaf adda baafaman Paarkii Biyyaalessaa Baaleefi Dahoo Korkee Sanqalleef misoomsanii turan hojiitti galchaniiru.
Sagantaan kun Mata-duree “Misooma Teekinooloojiifi Bidoolee Misooma Waaraaf walqunnamsiisuu” jedhuun Finfinnee Hoteela Ililliitti gaggeeffameera.
Saganticharratti argamuun ergaa kan dabarsan Ministir Deetaan Ministeera Turiizimii Obbo Silashii Girmaa akka jedhanitti teeknooloojii fayyadamuun odeeffannoowwan qabatamaa, amansiisaafi gahaa wa’ee bosonaafi bineensota bosonaa dahoo keessa jiranii argachuuf, paarkii biyyoolessaa baay’isuuf, baay’ina bineensota bosonaa biyyattiin qabdu adda baasuufi fayidaa turizimiif oolchuuf mosaajiifi Atilaasiin har’a ifooman kun gumaacha olaanaa qabu jedhaniiru.
Obbo Silashiin, mootummaan jijjiiramaa odeeffannoof xiyyeeffanaa guddaa kennuun Seektaroonni mootummaa heddun fayyadamtoota digiitaal Itoophiyaa 2025 fi 2030 ta’aa jiraachuu himanii, “Dahoo Bosonaafi Bineensota Bosonaa Dijitaalessuunis Qabeenya Bosonaafi Bineensa bosonaa biyya keenyaa adda baasuu, eeguu, beeksisuufi irraa fayyadamnuuf murteessaa ta’uus eraniiru.
Mosaajiifi Atlaas misooman kunneen Dahoowwan Bosonaafi Bineensota Bosonaa eegumsa jala jiran hunda bira akka dafee walgahuuf qaamoleen dhimmi ilaalu cichoominaan hojjachuu akka qaban waamicha taasisaniiru Deetaan Ministirichaa.

Daayireektarri Olaanaa Abbaa Taayitaa Eegumsa Bosonaafi Bineensota Bosonaa Itoophiyaa Obbo Kumarraa Wakjiraa gama isaaniin dahoowwan Bineensota eegumsa jala jiranii barmaatileen kan keessatti hammate, dhaqqabamummaan isaanii kan murtaa’eefi bulchiinsa isaaanii keessatti fayyadamni teekinooloojii gadi aana ta’uu himanii; mosaajiin misoome kun rakkoowwan kunneen kan furuufi bulchiinsa fayyadama lafaa irrattillee gahee guddaa qabaachuu kaasaniiru.

Daayireektarri Olaanaa Inistitiyuutii Ispees Saayinsii fi Gi’oospaashaalii Abdiisaa Yilmaa (PhD) sagantaa kana irratti akka dubbatanitti ‘GIS and Remote sensing’ fayyadamuun odeeffannoowwan of-eeggannoof fayyadan kan akka balaa Ibiddaa, mancaatii bosona, qubsuma seeraan alaa dursanii argachuun akka danda’amu ibsanii, Kaameeraa Dirooniifi AI fayyadamuun Odeeffannoowwan wa’ee sochiifi baay’ina bineensotaa, bakkeewwan irra deebiin misoomuu qaban adda baasuufi kaartaa bakkeewwan adda baafamanii kunuunsa jala jiranii hojjachuufi kennuun akka danda’amu eeraniiru.
Dr. Abdisaan itti dabaluun, mosaajii misoomeefi Atilaasii hojjatame kanaan Odeeffannoo gahaafi amanamaa turistootaaf kennuu, haala salphaan uummanni naannoo dahoo Bineensota jiran heeruu akka kennaniifi bulchiinsa paarkilee keessatti akka hirmaataniif gargaaraas jedhaniiru.
Paarkiiwwaniifi Dahoowwan bineensota bosonaa 106 akka biyyattitti kan jiraniifi Paarkii Biyyaalessaa Baaleefi Dahoo Qorkee Sanqallee Digitaalessuun danda’amuu saganticha irratti Ibsameera.
Gabaasni kan Bayyanaa Taaddasaati