AMN PLUS– Waxabajjii 29/2018
Bulchiinsa Magaalaa Finfinneetti qabxiin darbiinsa qormaata xumuraa kutaa 6ffaa bara barnootaa 2018 kenname ifoomeera.
Barattoota hundaaf qabxiin darbiinsaa dhibbeentaa 50 fi isaa ol akka ta’u murtaa’eera.
Barattoota qaama miidhamtootaaf ammoo qabxiin darbiinsaa dhibbeentaa 45 akka ta’u murtaa’eera.
Akkasumas barattoota saalessa sammuu qabaniif qabxiin darbiinsaa dhibbeentaa 40 akka ta’u murtaa’eera.
Hogganaan Biiroo Barnootaa Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Dooktar Zalaalam Mulatuu akka jedhanitti, bara kana bu’aa barattootaa fooyyessuuf hojiiwwan tarsiimoo bal’aan hojjetamaniiru.

Keessumaa barnoota idilee kutaa keessatti kennamu deeggaruuf sagantaa barsiisa dabalataa kennamuu fi barattoonni barnoota Herregaa fi Afaan Ingilizii keessatti bu’aa gaarii akka galmeessan karoorri addaa qophaa’ee hojiirra ooluun milkaa’ina argameef gumaacha guddaa taasiseera jedhaniiru.
Dooktar Zalaalam Mulaatuun bu’aan kun akka argamuuf qaamolee dhimmi ilaallatu hunda qindeessanii hojii hojjetaniif miseensota hawaasa barnootaa hunda galateeffataniiru.

Hogganaa Itti Aanaan Biiroo Barnootaa Finfinnee Obbo Saamsoon Mallasaa gama isaaniin, bara barnootaa 2018 barattoonni kumni 84 fi 737 ta’an buufataalee qormaataa 199 irratti qormaata fudhataniiru.
Bu’aan waliigalaa qormaata bara kanaa, kan waggoota darban waliin yeroo madaalamu, jijjiirama jajjabeessaa kan agarsiise ta’uu odeeffannoon Biiroo Barnootaa Bulchiinsa Magaalaa Finfinneerraa argame ni mul’isa.