Sabootni hundi wal-qixa;Ilaalchi anatuu caala jedhu barootaaf hiyyummaa keessa nu tursiisera – MM Abiyyi Ahimad (PhD)

You are currently viewing Sabootni hundi wal-qixa;Ilaalchi anatuu caala jedhu barootaaf hiyyummaa keessa nu tursiisera – MM Abiyyi Ahimad (PhD)

AMN PLUS – Waxabajjii 29/2018

Ministirri Muummee FDRI Abiyyi Ahimad (PhD) hojiilee misooma turizimiifi invastimantii magaalaa Arbaa Minciitti hojjetaman ilaalchiisuun jiraattota magaalichaa akkasumas hawaasa Naannoo Kibba Itoophiyaaf ergaa dabarsaniiru.

Barri bara misoomaati kan jedhan Dooktar Abiyyi misooma gurguddaa iddoowwan garaagaraatti hojjetamaa jiru hawaasni naannawichaa abbummaan eegee irraa fayyadamuu akkasumas keessummootni fagoofi dhiyoorraa yeroo gara pirojektoota hawwata turizimii kana dhufan fuula ifaa aadaa keessummaa simachuu Itoophiyaanotaan kabajaan simachuu qabu jedhaniiru.

Ministirri Muummee turizimiin damee bu’aa damdaneessa qabu tahuu ibsuun qabeenya akkasii kunuunsu, turistootaaf bakka kennuu, qabeenya isaanii eeguun akka deddeebi’an daawwatan haala mijataa uumuufiin murteessaa tahus kaasaniiru.

Jiraattotni Arbaa Minciifi naannawaa ishee warra jaalala beeku, safuu qabu, duudhaa ganamaan jiraatu, nagaafi araaraa beeku tahuu kan ibsan Dooktar Abiyyi kun ammoo Itoophiyaanota biyya keessaaf fakkeenya tahurra darbee lammiilee haala daawwannaaf gara magaalattiifi naannawaa ishee dhufaniif muuxannoo tahee gudunfamuu qaba jedhaniiru.

Ministirri Muummee Dooktar Abiyyi Naannoon Kibba Itoophiyaa lafa teessumma lafaa uumaan tolchee badhaase cinaatti saboota lakkoofsaan 30 caalan of-keessaa qabaachuu himuun kunis akka miidhagina tokkootti akka fudhatamu kaasuun waloomni jiru humna misoomaa caaluuf ooluu akka qabu hubachiisaniiru.

Dooktar Abiyyi ergaa isaaniitiin sabootni hundi walqixa tahuu hubachiisuun ilaalchi anatuu caala jedhu barootaaf hiyyummaa keessa nu tursiisera jedhaniiru.

Ilaalcha qajeelaan waliin jiraachuu, misoomuu, qulqullina naannoo eeguuf kunuunsuun baay’inaafi guddina keenya misoomaaf oolchuun wal-kabajan guddina biyyaa tumsuun biyya badhaate keessa jiraatanii dhaloota itti aanuuf waan fooyyee qabu dabarsuun hundarraa akka eegamus Dooktar Abiyyi ergaa isaaniin qaaccessaniiru.

Iddoosaa Abdiitiin qindaa’e

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply