Addis Miidiyaa Neetwoorki hojii isaa teeknoloojii ammayyaa hidhateen filatamummaafi fudhatamummaa qabu cimsee itti fufa – Obbo Mogos Baalchaa

You are currently viewing Addis Miidiyaa Neetwoorki hojii isaa teeknoloojii ammayyaa hidhateen filatamummaafi fudhatamummaa qabu cimsee itti fufa – Obbo Mogos Baalchaa

‎AMN PLUS-Waxabajjii 29/2018

‎Itti Gaafatamaan Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Finfinneefi Walitti Qabaan Boordii Addis Miidiyaa Neetworki Obbo Mogos Baalchaa Addis Miidiyaa Neetwoorki teeknoloojii ammayyaa hidhateen qulqullinaafi saffisaan tajaajilu kan amma itti jiru caalmaatti cimee itti fufsiisa jedhan.

‎Fiigichi Daandii irraa KM5 mata duree “Dhaloota Moo’ataa” jedhuun Addis Miidiyaa Neetwoorki qopheesse gaggeeffameera.

‎Saganticha irratti argamuun ergaa kan dabarsan Itti Gaafatamaa Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Finfinnee fi Walitti Qabaan Boordii Addis Miidiyaa Neetworki Obbo

Mogos Baalchaa Addis Miidiyaa Neetwoorki odeeffannoo hawaasa biraan gahuun filatamaa taha akka jiru ibsaniiru.

‎Dhaabbatichi hojimaata haaraa fi teeknoloojii haaraatiin bu’uuraalee miidiyaa fuulduratti tarkaanfachiisaa akka jirus akeekaniiru.

‎Addis Miidiyaa Neetwoirki teeknoloojii ammayyaa fayyadamuun, hojimaata ammayyeessuun akkasumas gaazexeessitootaafi ogeeyyii miidiyaa ciccimoo fi gahumsa qaban bobbaasuun hojii adda addaa Finfinneetti hojjetamaaniifi hojjetamaa jiran uummata biraan gahaa akka jirus eeraniiru.

‎Sagantaan fiigicha daandii irraa KM 5 har’aa kunis AMN daran hojii isaatiin akka beekamu taasisuuf shoora guddaa akla qabu Obbo Mogos Baalchaa ibsaniiru.

Gabaasni kan Shuumii Badhaasooti

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply