
AMN PLUS – Waxabajjii 29/2018
Addis Miidiyaa Neetwoorki qabiyyee odeeffannoo, barnootaafi bashannanaa hordoftoota isaaf filmaatilee garaagaraan shoora olaanaa bahachaa akka jiru Hoji Raawwachiisaa Olaanaan Addis Miidiyaa Neetwoorki Obbo Solomoon Dibaabaa ibsan.
Addis Miidiyaa Neetwoorki sagaleen dhalootaa fiigicha daandii irraa KM 5 mata duree “Dhaloota Moo’ataa” jedhu Biiroo Dargaggootaafi Ispoortii Magaalaa Finfinnee waliin qopheesse gaggeeffameera.
Sagantaa fiigichaa kana irratti argamuun ergaa kan dabarsan Hoji Raawwachiisaa Olaanaan AMN Obbo Solomoon Dibaabaa dorgommiin “Dhaloota Moo’ataa” jedhu kun Addis Miidiyaa Neetwoorki Sagalee Dhalootaa akka ta’e dhugumatti kan agarsiisu akka ta’e kan ibsan.

AMN daawwattootaafi dhaggeeffattootaaf caalmaatti dhaqqabamaa akka ta’uuf filannoowwan AMN, AMN Plus, FM 96.3, Gaazexaa Addis Liisaniifi filannoo miidiyaa dijitaalaatiin sirriitti tajaajila kennaa akka jirus eeraniiru.
Addis Miidiyaa Neetwoorki mootummaafi uummata gidduutti riqicha ta’ee tajaajilaa akka jiru kan dubbatan Obbo Solomoon, hawaasni miidiyaa akka hordofu, odeeffannoo akka argatuuf sagantaalee
akka tahu ergaa dabarsaniiru.
Fiigichi daandii irraa KM 5 “Dhaloota Moo’ataa” jedhu bakka ka’umsa isaa Yaadannoo Injifannoo Adawaa taasifachuun kan gaggeeffame gahumsa Qabbanaa taasifateera.
Gabaasni kan Shuumii Badhaasooti