Bu’aa siyaasaa yeroo gabaabaa caalaa invaastimantii yeroo dheeraatiin dhaloota ijaaruun murteessaadha- MM Abiyyi Ahimad (PhD)

You are currently viewing Bu’aa siyaasaa yeroo gabaabaa caalaa invaastimantii yeroo dheeraatiin dhaloota ijaaruun murteessaadha- MM Abiyyi Ahimad (PhD)

AMN PLUS – Waxabajjii 30/2018

‎Ministirri Muummee Abiyyi Ahimad (PhD) walga’ii idilee 30ffaa bara hojii 5ffaa Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataa irratti argamuun ibsa kennanin damee barnootaatiin milkaa’inoonni seena qabeessa ta’an akka galmaa’an ibsan.

Mootummaan waggoota torban darban keessatti damee barnootaa irratti hojiiwwan dhaloota jijjiiru danda’an hojjechuun milkaa’inoonni baay’een kan yeroo kamiyyuu caalaa akka galmaa’an kan kaasan Dooktar Abiyyi, jijjiiramni boonsan damee barnootaa keessatti jalqabame kunis cimee itti fufuu akka qabu ibsaniiru.

Hojiiwwan ijaarsa bu’uuraalee misooma barnootaa kunis walitti hidhamiinsa teeknooloojii fi misooma humna namaarratti xiyyeeffachuun egeree biyyattii murteessuuf invaastimantii yeroo dheeraatiin hojiiwwan mootummaan jalqaban akka ta’es eeraniiru.

Seenaa biyyattii keessatti waggoota shanan darban keessatti qofa Finfinneefi guutuu biyyaattii manneen barnootaa oolmaa daa’immanii kuma 35 ijaaramuu kan himan Ministirri Muummeen, bu’aan argame kunis salphaatti kan raawwatame osoo hin ta’ee hirmaannaa baay’ee kan qabu milkaa’ina seena qabeessa akka ta’e dubbataniiru.

Daa’imman har’aa kunneen miidiyaalee hawaasaa irratti bahanii hin dubbatan kan jedhan Dooktar Abiyyi, garuu waggoota 20 booda carraa fi egeree Itoophiyaa murteessuu waan danda’aniif xiyyeeffannoo bu’aa siyaasaa yeroo gabaabaa caalaa invaastimantii yeroo dheeraatiin dhaloota ijaaruun murteessaa akka ta’e hubachiisaniiru.

Daraartuu Tarreessaatiin Qindaa’e

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply