AMN PLUS- Waxabajjii 30/2018
Ministirri Muummee Abiyyi Ahimad (PhD) qaamni birmadummaa Itoophiya qoru kamiyyuu yoo jiraate mootummaan Itoophiyaa nageenyaa fi birmadummaa biyyattii eeguuf kan yeroo kamiyyuu caalaa qophaa’aa akka ta’e ibsan.
Ministirri Muummee walga’ii Idilee 30ffaa bara hojii 5ffaa Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataa irratti argamuun gaaffilee nageenya ilaalchisuun ka’aniif deebii yoo kennan mootummaan nageenya uummataa kabachiisuuf obsa guddaadhaan hojjechuu akka itti fufu ibsuun, qaamolee birmadummaa biyyaa irratti dhiibbaa uuman ittisuuf kan yeroo kamiyyuu caalaa kutannoo cimaa fi qophii guutuu akka qabu eeraniiru.

Waliigaltee nageenyaa Piriitooriyaa booda bulchiinsi yeroo naannoo Tigraay keessatti hundaa’uun namoota hidhatan kuma 60 ol ta’aniif deeggarsi barbaachisu taasifamuun meeshaalee hidhatan hiiksiisuun haaromsi taasifameefi hawaasa keessatti akka makaman milkaa’inaan raawwatamuu isaa ibsaniiru.
Waliigalteen kunis uummata Tigraayiif boqonnaa guddaa fideera kan jedhan Ministirri Muummee, garuu yeroo ammaa kanas gareen humnoota dhuunfaa fedhii isaanii galmaan gahachuuf nageenya Tigraay jeeqan akka jiran kaasaniiru.

Humnoonni Naannoo Tigraay nagaa dhoorkuu barbaadan waliigaltee Piriitooriyaa booda mufachuu kan himan Dooktar Abiyyi, garee hidhaattootaa fayyadamuun yaadota waraana kaasuu danda’u dhiyeessun shira adda addaa xaxaa akka jiranis ibsaniiru.
Uummanni Tigraay rakkoo kana ofiin uumanii osoo hin taane rakkoo keessa taa’anii jireenya dhiibaa akka jiran kaasuun, yeroo ammaa naannoo Tigraay keessa kan jiraatan caalaa dhalattoota Tigraay kutaalee Itoophiyaa biroo keessa jiraatan nagaa, bilisummaa fi nageenya gaariidhaan jiraachaa akka jiran Ministirri Muummee ibsaniiru.
Shuumii Badhaasootiin Qindaa’e