AMN PLUS – Waxabajjii 30/2018
Walga’iin idilee 30ffaa bara hojii 5ffaa Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa gaggeeffamaa jira.
Dhimmoota miseensonni mana maree kaasan keessaa tokko waliigaltee nagaa Piriitooriyaa garee hidhataan TPLF diigaa jiru ture. Gaaffii kanaaf Ministirri Muummee Abiyyi Ahimad (PhD) deebii fi ibsa kennaniiru.
Ministirri Muummeen ibsa isaanii keessatti waliigalteen Piriitooriyaa ummata Tigraayiif nageenya, deebisanii ijaaruu fi misoomaaf abdii haaraa kan bane ta’us, gareen hidhattootaa duraanii TPLF keessaa kutaan tokko waliigalteen nagaa akka itti fufu fedhii akka hin qabne ibsaniiru.
Gareen kun akkuma amala isaa duraanii waraanaa, walitti bu’iinsaa fi jeequmsa qofaan furmaata argama jedhee waan amanuuf, rakkoon siyaasaa fi nageenyaa yeroo ammaa naannichatti mul’atu abdii waliigalteen sun fide akka dukkanaa’u taasisaa jira jedhaniiru.

Kana malees, gareewwan hidhatan tokko tokko humnoota alaa fi diinota Itoophiyaa wajjin ta’uun biyya gara waraanaatti deebisuuf sochii mootummaa diiguu gaggeessaa jiru jechuun gaaffii fi yaaddoo ummataa uumeera jedhan.
Mootummaan waliigalteen nagaa Piriitooriyaa nageenya waaraa ijaaruuf bu’uura ta’uu isaa amana jedhanii, garuu amma illee humnoonni ummata jeequu fi dargaggoota Naannoo Tigraay waraana Sudaaniif dabarsanii gurguran jiraachuu isaanii dubbataniiru.
Haa ta’u malee, amma illee naannichatti namoonni muraasni nageenya hin barbaadne ummata Tigraay jeeqaa, jireenya isaanii nagaa gufachiisaa akka jiran eeraniiru.
Humnoonni kunneen maatii isaanii biyyoota alaa keessatti haala mijataa jiraachisaa osoo jiranii, naannicha keessatti garuu jireenya lammiilee nagaa jeequmsaa fi walitti bu’iinsaaf saaxilaa akka jiran Ministirri Muummee dubbataniiru.
Yaalew Geetaanee Qindeesse