AMN PLUS – Waxabajjii 30/2018
Ministirri Muummee Abiyyi Ahimad (PhD) miseensota paarlaamaa paartilee morkattootaa bakka bu’uun tajaajilaa turan, garuu Mana Maree haaraa keessatti hojii isaanii kan hin itti fufneef mootummaa waliin ta’uun guddinaa fi badhaadhina biyyaaf waliin haa hojjennu jechuun waamicha dhiyeessan.
Ministirri Muummee waamicha kana kan dhiyeessan walga’ii idilee 30ffaa bara hojii 5ffaa Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa irratti dha.
Haasa isaanii keessatti, miseensonni dhuunfaa fi paartilee morkattootaa akka ABIN fi Izeemaa waggoota shanan darban keessatti beekumsa, dandeettii fi kutannoo isaanii fayyadamuun biyya isaanii tajaajiluu, sagalee uummataa Mana Maree keessatti dhageessisuu, akkasumas yaada paartii isaanii fi kan mootummaa irratti marii bu’a qabeessa gaggeessuu isaanii galateeffataniiru.
Mootummaa haaraa keessatti kan hin itti fufne ta’anillee, Mana Mareen alattis mootummaa waliin ta’uun Itoophiyaa tajaajiluu akka itti fufan waamicha dhiyeessaniiru.

Ministirri Muummee, “Mootummaan keenya isin hunda hirmaachisuun Itoophiyaa tajaajiluu barbaada” jechuun, Itoophiyaan biyya waloo keenya ta’uu ishee ibsaniiru.
Nutis ta’e isinis ilmaan ishee waan taataniif, Mana Maree keessatti qofa osoo hin taane dameelee hojii adda addaa keessatti waltaanee Itoophiyaa haa badhaadhina irraan haa geenyu, waliin haa hojjennu jechuun dhaamaniiru.
Daraartuu Tarreessaatiin Qindaa’e