AMN PLUS- Adoolessa 01/2018
Ministirri Muummee Abiyyi Ahimad (PhD) itti fayyadama qabeenyaafi pirojektootaaf hojiirra oolmaa faayinaansii ilaalchisuun Miseensota Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataaf ibsa kennaniin Magaalaa Finfinnee galii sassaabuun fooyya’iinsa akka argsiifte ibsan.
Naannoleen qabeenya mootummaa federaalaa irraa kennamufirratti hirkachuu dhiisanii galii mataa isaanii guddisuu akka qaban Ministirri Muummee himaniiru.

Jijjiiramaan dura galiin Magaalaa Finfinneetti sassaabamaa ture qaanessaadha kan jedhan Dooktar Abiyyii, yeroo ammaa garuu galiin bara kana qofa sassaabame birrii biiliyoona 340 akka ta’e ibsaniiru.
Kanaan dura galii hamma kana gahu mootummaan federaalaayyuu walitti qabaa akka hin turiin kaasuun, jijjiiramni galii sassaabuun Finfinneetti mul’ate naannoolee biroofillee fakkeenya ta’uu akka qabu dubbataniiru.

Magaalaan Finfinnee galii sassaabuu qofa osoo hin taane galii walitti qabameen bu’uuraalee misoomaa hojjechuun biyyarraa darbuuf magaaloota biyyoota oollaafillee fakkeenya gaarii taatee akka jirtus yaadachiisaniiru.
Jalqabbiin galii sassaabuu fi itti fayyadama faayinaansii Magaalaa Finfinneetti mul’ate kana Naannooleenis hojiirraa oolchuun galii isaanii guddisuun bu’uuraalee misoomaa saffisaa fi qulqullinaan hojjechuu akka qabanis hubachiisaniiru.
Shuumii Badhaasootiin Qindaa’e