AMN PLUS- Adoolessa 02/2018
Hojiin gama omishoota al-ergii dabaluun hojjetame abdachiisaa ta’uu Biiroon Misooma Indaastirii Magaalaa Finfinnee beeksise.
Biirichi raawwii hojii bara 2018 qorateera.
Kantiibaa Itti Aanaafi Hogganaan Biiroo Misooma Indaastirii Magaala Finfinnee Obbo Jaanxiraar Abbaay bara 2018 keessa hojii teeknoolojiin deeggarameen bu’aalee hedduu kan itti galmeessinedha jedhan.
Bu’aa argame kana gara 2019tti ceesisuun galma milkeessuuf qabanne fiixaan baasuuf hanqina keenyarraa barannee cimina keenya ittifufsiisuu qabna jedhan.

Biiroon Misooma Indaastirii Magaalaa Finfinnee bara 2018 rakkoolee bulchiinsa gaarii furuun Indaastiriiwwan 210’f iddoo hojii mijeessuun cinatti Indaastiriiwwan wagga shan guutaniifi omoshoota al-ergii omishuun bu’aa gaarii buusaa jiraniif sheedii keessatti hojjetan keessa akka turan taasifamuu gabaasni dhihaate ni mul’isa.
Kanaanis gama teeknooloojii ceesisuu, humna namaa gahoome horachuufi omisha qulqullinnisaa eegame heddumminaan omishuutiin raawwiin olaanaan galmaa’uutu ibsame.

Meeshaalee Indaastirii haaraa al-ergiif omishuun jalqabbiin jirus kan jajjabeeffamudha jedhameera.
Hojiin Misooma Indaastirii kun qabeenya naannoorratti dhiibbaa akka him uumne hordoffiin taasifamuu gabaasni dhihaate ni mul’isa.
Anuwaar Firriisaatu gabaase