AMN PLUS- Adoolessa 02/2018
Ministirri Muummee Abiyyi Ahimad (PhD) walga’ii idilee 30ffaa bara hojii 5ffaa Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa irratti gaaffiilee pirojektoota ilaalchisuun Miseensota Mana Marichaan kaafamanif ibsa yoo kennan Finfinnee qofaatti daandiin asfaaltii KM kuma tokkoo ol akka hojjetame ibsan.
Pirojektiiwwan baay’een guutuu biyyaattii akka hojjetaman kan kaasan Dooktar Abiyyi, ji’oottan muraasa dabran buufataaleen xiyyaaraa torba xumuramuu ibsuun hidhaawwan bishaanii jalqabanii dhaabbatan baay’een hojjetamuun kan xumuramaniifi xumuramuuf kan dhiyaatan hedduun akka jiran himaniiru.

Hidha haaromsaa dabalatee hidhaawwan baay’een naannoolee biyyatti garaagaraa keessatti akka xumuramanis ifoomsaniiru.
Fedhiin daandii hojjechuu Itoophiyaa keessatti yoo xiqqaatee bajataa birrii Tiriliiyoona lama gaafata kan jedhan Ministirri Muummee, misooma daandiiwwani Magaalaa Finfinneetti jalqabame guutu biyyaatiin waliin gahuuf karoorri cimaan akka barbaachisu eeraniiru.

Akkuma pirojektiiwwan baay’een xumuramuun milkaa’inni argame, kan harkifatan baay’eenis akka jiran kan eeran Dooktar Abiyyi, harkifannaa pirojektoota kanaaf sababoonni gareen hanna baran kaffaltii beenyaa irraa fayyadamuuf pirojektoonni akka harkifatu taasisu jedhaniiru.
Gama biraanis osoo madda faayinaansi pirojektii hin murteessin naannoo hundatti jaarsoolii irreecha qabachiisuun pirojektiin akka eegalamuu taasisuun sirrii akka hin taaneefi harkiffannaa pirojektifillee sababa guddaa akka ta’es himaniiru.

Kanaaf haala kanaan pirojektoota eegaluun rakkoolee kanaan dura turan deebisuurraa of qusachuun, sirritti karoorsanii adda baasuun pirojektoota dursa kennamuufi qaban adda baasuun jalqabuun xumuruun akka barbaachisu Dooktar Abiyyi dubbataniiru.
Bara ammaa kana pirojektootaaf hordoffiin teeknoolojiin deggarame taasifamaa waan jiruuf fooyya’inni guddan akka jirus kaasaniiru.
Shuumii Badhaasootiin Qindaa’e