Waltajjiin Odeeffannoo fi Nageenyaa Paarlaamaa Idil-addunyaa Finfinneetti gaggeeffamuu jalqabe

You are currently viewing Waltajjiin Odeeffannoo fi Nageenyaa Paarlaamaa Idil-addunyaa Finfinneetti gaggeeffamuu jalqabe

AMN PLUS- Adoolessa 03/2018

Waltajjiin Odeeffannoo fi Nageenyaa Paarlaamaa Idil-addunyaa yeroo Lammaffaaf Afriikaatti qophaa’e magaalaa Finfinneetti geggeeffamuu jalqabeera.

Waltajjiin guyyoota lamaaf turu kanana dhimmoonni shororkeessummaa ittisuu, nageenya naannoo cimsuu akkasumas itti fayyadama teeknooloojii irratti xiyyeeffannoo guddaan kennameera.

Waltajjicha kan banan Af-yaa’ii Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa Obbo Taaggasaa Caafoo, Itoophiyaan Waltajjii Idil-addunyaa kana yeroo filannoo biyyaalessaa marsaa 7ffaa haqa qabeessaa fi iftoomina qabu milkaa’inaan xumurte booda keessummeessuun hiika addaa akka qabu ibsaniiru.

Rakkoolee nageenyaa naannoo Afrikaa Bahaa keessatti mul’atan biyyoota ollaa waliin ta’uun fi kutannoodhaan ittisuuf Itoophiyaan hojii bal’aa hojjechaa jirti jedhaniiru.

Damee teeknooloojii keessattis Itoophiyaan hojiiwwan bu’a qabeessa ta’an hojjechaa akka jirtu kan ibsan Obbo Taaggasaa Caafoon, nageenyi dijitaalaa fi saayibarii caalaatti akka cimuuf teeknooloojii haaraa yeroo yeroon uumaman waliin of madaqsuun xiyyeeffannoon hojjetamaa akka jiru hirmaattota waltajjichaaf beeksisaniiru.

Itoophiyaatti Ambaasaaddarri Ameerikaa Irviin Maasiingaa, gama isaaniitiin, waltajjiin kun biyyoonni odeeffannoo waliif qooduun nageenya lammiilee isaanii mirkaneessuu fi yakkamtoota daangaa ce’anii socho’an hordofanii seeratti dhiyeessuuf carraa guddaa kan uumu ta’uu ibsan.

Tumsi nageenyaa idil-addunyaa akkasii cimee itti fufuu akka qabu eeran.

Dura-ta’aan waltajjichaa Roobert Pitenger gama isaaniitiin, Itoophiyaan shororkeessummaa, daddabarsa namaa seeraan alaa fi sodaawwan nageenyaa naannoo biroo ittisuuf sochii taasifamu keessatti “michuu dhugaa” ta’uu ishee hojii qabatamaan mirkaneessaa jirti jechuun ibsuu odeeffannoon Mana Marichaarraa arganne ni mul’isa.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply