AMN PLUS – Adoolessa 05/2018
Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebee waggoota shan dura yaa’iinsi turistii biyya alaa gara Finfinneetti ture Kuma 200 irraa amma gara miiliyoona 1.2tti guddachuu ibsan.
Aadde Adaanech gabaasa raawwii hojii damee turizimii Miseensota Mana Maree Magaalaa Finfinneef dhiyeessaniin pirojektootni misoomaa xiyyeeffannoon hojjetaman magaalattii kan turistootni keessa qaxxaamuruuf ariifatan osoo hin taane keessa bubbuluu filatan qabatamaan taasisuu danda’u ibsaniiru.

Kanaanis lakkoofsi turistoota biyya keessaa Waggaa 5 dura Miliyoona 4.1 ture gara Miliyoona 10.5 tti guddachuu kan ibsan Aadde Adaanech lakkoofsa turistoota alarraa dhufanii ammoo Kuma 100 fi Kuma 23 fi 489 kan ture gara Miliyoona 1.2’tti ol guddachuu eeraniiru.
Yaa’iinsi turistootaa kunis waggoota shan keessatti galii dinagdeen Finfinnee seenaa ture Birrii Biliyoona 5.63 irraa gara Birrii Biliyoona 242.6 ol kaasuu kan ibsan Aadde Adaanech turistoota biyya keessaa irraas galiin Birrii Biliyoona 63.3 gara diinagdee Finfinnee seenuu ibsan.
Kantiibaa Adaanech bara baajataa 2018 keessa qofa waltajjiiwwan idil addunyaafi ardii 221 Finfinneetti keessummeeffamuu ibsuun keessummootni waltajjiiwwan kanneen irratti hirmaatan bakkeewwan gahumsa turizimiifi pirojektoota misooma magaalattiin qabdu akka daawwataniif carraa uumuu akeekaniiru.

Hojiilee waloon hojjechuu bu’uura taasifachuun hojjetamaniin waggoota shanan darban waliigaltee magaalota obboleewwanii 20 ture gara 30 tti guddisuun milkaa’ina jabaa magaalota idil addunyaa waliin mallatteeffame tahuu kan eeran Aadde Adaanech kunis hariiroo dippiloomaasiifi walitti hidhamiinsa dinagdee Finfinneen magaalota idil addunyaa biroo waliin gonfattee tahuu kaasaniiru.

Dabalataanis Finfinnee magaalaa Ismaartii Siitii taasisuuf hojii hojjetameen badhaasotni garaagaraa idil addunyaa gumaachamuu kan ibsan Kantiibaa Adaanech Biraazil Riyoo Dee Jenerootti badhaasni sagantaa nyaata dhiyeessuu, Kooriyaa Kibbaa Seehulitti badhaasni Ismaartii Siitii argamuu himan.
Akkaataa dhabamsiisa balfaarratti hojii hojjetameen Boonoosaayireesitti badhaasni kenname, badhaasni Biluumbargi C40 magaalotaaf kennamu, Keeniyaatti badhaasa magaalota Afrikaa Ismaartii argame dhimmoota Finfinnee fuuldura fidan warreen ijoo tahuun ibsameera.
Iddoosaa Abdiitiin Qindaa’e